Hojjettoonni warshaa Sibiilaa Adaamaa sosochii ‘Mass Sport’ gaggeessan.

Itti gaafatamaa waajjira dargaggoo fi Ispoortii magaalaa Adaamaa dabalatee, hoji gaggeessitoonni warshichaa fi hojjettoonni qooda fudhattoota sosochii kanaati.

Warshaa Sibiilaa Adaamaatti itti gaafatamaan bulchiinsa humna namaa Obbo Mulaatuu Ittafaa Hojjettoonni hojii irratti cimina akka qabaatanii fi qulqullinaan akka hojjetaniif sosochiin Ispoortii ganama ganaamaa gahee olaanaa qaba jedhan.

Sosochii Ispoortii kanas bifa idilaa’een yeroo yerootti itti fufsiisaa jiraachuu himu.

Hojjettoonni warshichaa tokko tokkos sosochii mass sport kanarraa gama fayyummaa fi gahumsa qaamaatiin irraa fayyadamaa jiraachuu dubbatan.

Itti gaafatamaa waajjira dargaggoo fi Ispoortii magaalaa Adaamaa Obbo Mulugeetaa Qaabatoo akka sadarkaa magaalaatti jiini seenee torban jalqabaatti akkasumas dhaabbileen magaalatti keessatti argamanii fi hawaasni sosochii Ispoortii kana bifa idilaa’een akka gaggeessan taasifamaa jiraachuu dubbatu.

Sosochiin ‘mass Sport’ kun caalmaatti akka lafa qabatuuf bakka hanqinaaleen mul’atanitti hojiin sosochii uumuu akkuma itti fufetti jiras jedhan.

Dhaabbileen biroos muuxannoo warshaa sibiilaa Adaamaa kana hojiirra oolchuun hojjeta fayya qabeessaa fi itti gaafatummaa itti kenname gahumsaan bahatu horachuu akka qaban dhaaman. Boonaa Tasfaayee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *