Hooggantootni Olaanoon Magaalaa Adaamaa Abbootii Amantaa Hawaasa Muslimaa Magaalattii wajjiin Sagantaa Ifxaaraa Gaggeessaan.

Pirezdaantiin Mana Marii Muslimoota Magaalaa Adaamaa Sheek Maahmud Muhaammad haasaa taasisaniin kantibaa fi hooggansa magaalattii sagantaa kanarratti argamuun fakkeenya hariiroo obbolummaa ta’an galateeffataniiru.

Jijiirama dhufe hordofee hawaasni obbolaa alaalatti wal ilaalaa ture tokko ta’uun misooma biyyaatiif hojjataa jira kan jedhan immoo Kantibaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obboo Hayiluu Jaldeeti.

Sagantaan akkanaa immoo caalatti walitti dhufeenya hawaasaa cimsuu bira dabree misooma magaalattii daandii gaariirra jiru galma qabate akka gahuuf kan gargarudha jechuun dubbatu.

Milkaa’inoota hanga ammaa galmaa’aniif immoo kadhannaan abbootii amantaa gahee mataasaa bahatuus ibsan obboo Hayiluun.

Jamaal Kadiiritu Gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *