Inisheetivoota Fayyadamummaa Uummata Mirkaneessan irratti Xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu Waajjirri Carraa hojii uumuu fi Ogummaa Magaalaa Adaamaa  beeksise.

hojiileen Waajjirra Carraa hojii uumuu fi Ogummaa magaalichaattin hojjetama jiran Hoggaansa Sadarkaa naannoo fi Federaalaattin dawwatamee Jira.

*

D
awwaanicha irratti Ministiri Deetaa Ministeera Carraa hojii uumuu fi Ogummaa Federaala Obbo Salamoon Sooraa  dabalatee Hoggaana Biiroo Carraa hojii uumuu fi Ogummaa Oromiyaa Obbo Eebba Garbaa fi qamooleen Hoggaansa Sadarkaa addaa addaa biroo argamaniiru.

Dawwaanicha irratti hojiilee Industirii Godoo fi   inisheetiveewwan adda addaa Waajjirra Carraa hojii uumuu fi Ogummaa magaalichaattin  hojjetamaa jiran biroo dawwatamee Jira.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa carraa gaarii misoomaaf jiru hunda fayyadamuun karoora akka biyyaatti hiyyummaa hir’isuuf qabame milkeessuuf inisheetivoota adda addaa bocuun hojiirra oolfameen bu’an abdachiisaan argamee jira jedhan Hoggaanan Biiroo Carraa hojii uumuu fi Ogummaa oromiyaa Obbo Eebbaa Garbaa .

Inisheetiivota mootummaan hojiirra oolaa jiran keessaa tokko Inisheetivii furdisa loonii, Aannan, horsiisa kanniisa, horsiisa lukkuu fi kanneen biroo Akka fakkeenyatti  kan eeraman ta’u kan dubbatan Obbo Eebbaan Inisheetiviiwwan kunneen dargaggootaf Carraa hojii uumuu bira darbe wabiii nyaata mirkanneessuuf shoora olaanaa qaba jedhan.

Dawwaanicha irratti kan argaman Ministiri Deetaan ministeera Carraa hojii uumuu fi Ogummaa Fedeeralaa Obbo Salamoon Sooraa hojiileen Waajjiira Carraa hojii uumuu fi Ogummaa Magaalittin hojjetametti kan gammaadan ta’u ibsanii,keessattu dargaggootni hedduun Industirii godoo fi horsiisaa Lukkuu irratti hojjechaa Jira kan nama gamachisuu waan ta’ef fuula duratti hojichaa Akka biyyaatti babalisuuf kutannoo qabachuu himan.

  Itti gaafatamaan Waajjirra Carraa hojii uumuu fi Ogummaa Magaalaa Adaamaa Obbo Abdurqaddiir Xaayibuu rakkoo hojii dhabdummaa jiru hundeerraa furuuf Carraa magaalittin qabduu hundaa fayyadamuun  yeroo ammaa hojii dhabdoota gurmeessun  kilaastara addaa Addaatti qooduun hojiitti galfameen   fayyadamoo ta’u ibsaniiru.

Wajjirrichi hanga kurmannaa Lammaaffaa kanatti hojii dhabeeyyii Kuma 55 ol carraa hojii dhaabii fi yeroo kan umameef ta’u ibsaniiru.

Gabaasni kan Tashoomaa Urgiiti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *