Ityoo – Teeleekoom Baatiwwan 6’N Darbanitti Galii Birrii Biiliyoona 33.8 Ol Argate

ABS(Adama Broadcasting Service) – Ityoo – Teeleekoom baatiwwan 6’n darbanitti galii Birrii biiliyoona 33.8 ol argachuu beeksiiseera.

Hojii rawwachiittuu Olaantuun dhaabbatichaa Fireeyiwoot Taammiiruun ,raawwii hojii walakkaa waggaa bara baajataa 2015 ilaalchisee miidiyaaleef ibsa laataniiru.

Dhaabbatichi baatiwwan 6’n darban waliigala galii Birrii Biiliyoona 33.8 ol argachuu ibsaniiru.

Galii argachuuf karoorfamerraa %96 milkaa’uu eeruun, galiin argame kun kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaallame Birrii biiliyoona 5.6 caalmaa qabachuu eeraniiru.

Lakkoofsi maamiltootaa miiliyoona 70 gahuu kasaaniiru.

Maahileet T/Birihaantu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice

Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa

tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama

SMS_9635

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *