Ityoophiyaan Yaa’ii Biyyoota Guddachaa Jiraniirratti muxannoo milkaa’ina damee qonnaan galmeessitee qoodde

Ityoophiyaan Yaa’ii 5ffaa Biyyoota Guddachaa Jiranii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Kuwaataar Dohaatti gaggeeffamaa jirurratti muuxannoo milkaa’ina damee qonnaan galmeessite qoodde.

Ministirri Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan Yaa’iicharratti hirmaachaa jiru.

Dooktar Fitsum Asaffaan yaa’icharratti haasawaa taasisaniin, qormaatilee biyyoota guddachaa jiran mudatu irra aanuuf tumsi idil addunyaa qabatamaan mirkanaa’uun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Fedhii misoomuu biyyoota guddachaa jiraniif daandii haaraa bocuun akka barbaachisus akeekan.

Sirni faayinaansii fi diinagdee addunyaa ammaa jiru deebii gahaa kennuuf humna dhabuu kaasanii, biyyoonni guddachaa jiran guddinaa ofii isaanii galmeessuuf tattaafachuu akka qaban himaniiru.

Dooktar Fitsum dabalataan akka eeranitti, biyyoonni guddataa jiran qooda walqixaan gabaa addunyaa keessatti akka makamaniif waadaan galame bu’aa akka hin argamsiifne kaasaniiru.

Kanaaf liqaa haquun faayinaansii misoomaaf, qabeenya dabalataa akka barbaachisu ibsaniiru.

Waltajjicharratti Dooktar Fitsum, milkaa’ina damee qonnaa Ityoophiyaan galmaa’e eeruun, muuxannoo gaariin oomishtummaa qamadii dabaluu fi inishiyeetiiviin Ashaaraa magariisaa fakkeenya ta’uu himaniiru.

Ityoophiyaan Galmoota Misooma Waaraa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, Ajandaa 2063 Gamtaa Afrikaa fi hojiirra oolmaa Sagantaa Dohaan walsimsiisuun imaammata biyyoota guddachaa jiranii kutannoon deeggaru kan itti fuftu ta’uu mirkaneessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *