Jiila Hogganaa Abbaa Taayitaa Eeggumsa Naannoo Oromiyaa obbo Sayffadiin Mahaadiin durfamu hojjilee misooma gara garaa Muuxannoo ta’uu danda’an Magaalaa Adaamaatti hojjatamaa jiru daawwatan.

05/05/2015

ABS(Adama Broadcasting Service)

Jiila Hogganaa Abbaa Taayitaa Eeggumsa Naannoo Oromiyaa obbo Sayffadiin Mahaadiin durfamu hojjilee misooma gara garaa Muuxannoo ta’uu danda’an Magaalaa Adaamaatti hojjatamaa jiru daawwatan.

***********************************************

Magaallii Adaamaa Magaalaa gidduu gala Konfiransiin,Daldalaa fi Tuurizimii ta’uun tajaajjila jirti.

Bulchiinsii Magaalichaa hojjilee bu’uuraalee Misooma gara garaa hojjatamaa jirun guddina ariifachiisaa gama hundaan galmeesisaa jirtuun walqabatee sadarkaa qaamooleen hawaasa akka Biyyaa fi naannootti jiraniin daawwatamaa jirti.

Bu’uuruma kanaan jiila Hogganaa Abbaa Taayitaa Eeggumsa Naannoo Oromiyaa obbo Sayffadiin Mahaadii, Hoggansa Misooma Magaaloota Oromiyaa,Hoggantoota Abbaa Taayitaa Eeggumsa naannoo Magaaloota Oromiyaa fi oggeesoota Mana qopheessaa Magaaloota Oromiyaa irraa dhufaniin hojjilee bu’uuraalee Misoomaa kanneen akka daandii aspaaltii Wanjii,Paarkii Gadaa,balfoota gara garaa walitti qabamuun gara kompostiitii jijjiruun faayidaa Misooma magariisuutiif olffamaa jiru,warshaalee balfoota gara garaa walitti qabuun gara waraqaatti deebisuun hojjatamaa jiruu fi biroo daawwatanii jiru.

Itti anaan Mana qopheessaa Magaalaa Adaamaa obbo Haayiluu Baalchaa keesumootaan Baga nagaan gara Magaalaa suluula qiinxamaa dhuftan erga jedhanii booda hojjileen bu’uuraalee Misoomaa fi magariisuu irratti xiyyeeffannee hojjannen jijjiramnii guddaa dhufuu danda’ee jira jedhan.Piroojeektoonni Misooma baajata Mootummaa fi hirmaannaa ummataan eegalame haarawaa 65 fi buleeyyii 25 waliigala piroojeektoota Misoomaa gara garaa 80 ol ta’u xumursisuuf haala gaarii hordofamaa jiraachuu daawwatootaaf ibsani jiru.

Oggeessoonni Mana qopheessaa Magaalaa Adaamaa daawwatootaaf wayita ibsa taasisanitti akka jedhanitti hoggansii Magaalichaa oggeessoota bakka oggummaa isaan ilaalatuutti qacaruun waan hojjatameef jijjiramnii isin gama balfoota gara garaa dhabamsisuun gara faayidaatti jijjiruu,magarisummaan iddoo hundatti babaldhachuun Magaalichaaf shoora olaanaa gummaachee jira jedhan.

Hoggantoonni fi oggeessoonni daawwii kana irratti hirmaatan tokko tokko akka jedhanitti hojiilee waliigalaatiin Magaalaa Adaamaatti hojjatamaa jiru keessaa akkaataa balfa gara diinagdeetti jijjiruun carraa hojii Uumuun itti adeemaa jiran kan daawwannee fi Muuxannoo irraa argannees gallee hojii qabatamatti jijjiruuf qophiidha jedhan.

Hogganaan Abbaa Taayitaa Eeguumsa Naannoo Oromiyaa obbo Sayffadiin Mahaadii daawwannaa taasisaniin booda kallatti hojii waliigalaa kennaniin akka jedhanitti magaallii Adaamaa Magaalaa akka Oromiyaa finfinneetti antee jirtu fi daandii guddinaa irratti argamtu ta’uu ishee eeruun keessattu piroojeektoota misooma gurguddaa keessatti hojjatamaa jirani fi qabiinsa balfaa akkaataa itti dhabamsisuun gara kompostiitii jijjiruun faayidaaf olffamaa jiru kana daawwachuu keenyaatti baayyee gamannee jirra Abddii guddaa kan namatii horuudha jedhan.

Kana malees Magaalaan Adaamaa hojii waliigalaatiin waggoottan sadan kana keessatti Oggansii fi oggeessi waliin qiindaa’ee hojjachuun jijjiramnii guddaa dhufuu danda’ee jira kan jedhan obbo Sayffadiin isiniis waan daawwatan kana gara Magaalaa keessanitti wayita deebitan hojjira olchuun qabdu jedhan.

Warshaaleen akkaataa waliigaltee istaandardii kaayataniin qulqullinaa fi Eeggumsa naannoottif kanaan dura kennan %10 qofa ture warshaaleen akka Naannoo keenyaatti jiran hundi yeroo ammaa qabsoo guddaa taasifameen %99 irra gahuun hojiin baldhaa ta’e hojjatamee jira jedhan.

Taayyee Abarraatu gabaase

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice

Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa

tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama

SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *