Jijjiirama biyya karoora xiiqii qabattee xiiqiin hojjataa jirtuu dhugoomsuuf biiroon keenya Oromiyaa ogummeessuu sagantaa jedhu qabatee hojjataa jira jedhan hogganaa ittaanaan biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa Obboo Aadam Kamaal. Koolleejjotni Ogummaa fi Teeknikaa Kilaastara Shawaa Bahaa Barattoota Ogummaa adda addaan Barsiisaa Turan 2000 ol Eebbisan.

Barattootni eebbifaman gulantaa afurii fi gulantaa Shaniin 1958 akkasumas digrii jalqabaatiin barattoota 95n walumaagalatti 2053dha.
Eebbifamtoota keessaa 657 dubartoota.

Gosa ogummaa 13 jalatti leenji’aa kan turan barattootni kunneen,kilaastarichaan kan hammataman kolleejota Adaamaa,Bishooftuu,Mojoo,Martii,Wanjii akksumas Oolancitirraa walitti dhufuun Adaamaatti eebbifaman.

Diiniiniin koolleejii Poolii Teeknikaa Adaamaa fi qindeessaan Kilaastraichaa obboo Tashaalee dhugumaa haasaa taasisaniin adeemsa ogummaa qabatamaan hojiirra oolchuu hordofameen indastiriiwwan naannoo keellejotaatti argaman wajjiin walitti hidhamiinsaan hojjatamaa ture jedhan.

Kilaastarichi waldorgommii ogummaa fi kalaqaa naannichaa gaggeeffame bifa addaan keessummeesuu maddiitti dorgomicharrattis hirmaatuun medaaliyaawwan 21fudhatee gahuumsaan xumureera jedhan.
Sadarkaa biyyaattis meedaaliyaawwan torba naannoo oromiyaa akka argatuu taasisuu eeran.

Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Shawaa Bahaa Obboo Laggasaa Taliilaa gama isaaniitiin ogummaa fi kalaqni akka babaldhatuuf xiyyeeffannoo addaan hojjatamaa jira jedhan.

Keessummaa kabajaa sagantichaa kan ta’an Hoogganaa Ittaanaan Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa obboo Aadam Kamaal ergaa dabarsaniin jijjiirama biyya karoora xiiqii qabattee xiiqiin hojjataa jirtuu dhugoomsuuf biiroon keenya Oromiyaa ogummeessuu sagantaa jedhu qabachuun hojjataa jira jedhan.

eebbifamtootnis kan yeroo xiiqii ta’uusaanii hubachuun jijjiiramaaf socho’uu akka qaban dhaamaniiru obboo Adamam.

Yeroo keenya hin qisaasin hojjachuun kanaaf qqabaneera kan jedhan immoo eebbifamtoota badhaasni waancaa fi medaaliyaa kennameef keessaa kanneen dubbifneedha.

Jamaal Kadiiritu Gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *