Jilli Ispoortii barattootaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa waldorgommii ispoortii sadarkaa naannoo Oromiyaatti qophaa’e irratti hirmaachuuf gara magaalaa Baatuutti imale.

Walta’iinsa waajjira dargaggoof spoortii magaalaa Adaamaa fi waajjira barnootaataa magaalichaatiin gara magaalaa Baatuutti kan imale jilli spoortii barattootaa kun magaalaa Adaamaa bakka bu’uun dorgommii kanarratti morkii cimaa gaggeessa jedhamee eeggama.

Waldorgommii kanarratti magaalittii bakka bu’uun kan hirmaatan dhiira 30 fi dubartii 30 walumaagalatti barattoota 60 yoo ta’an, gosa ispoortii sadi kubbaa miilaa, kubbaa saaphanaa fi atileetiksii dhiiraa fi dubaraan kan hirmaatan ta’uun eerameera.

Itti gaafatamaan waajjira dargaggoo fi ispoortii magaalaa Adaamaa obbo Mulgeetaa Qaabatoo magaalaa keessan bakka buutanii gara dorgommii kanaatti yeroo deemtan miira injifattanii galuu fi maqaa magaalaa keessanii olkaasuu qabaachuu qabdu jechuun dhaamaniiru.

Gama biraatiin dorgommii kanarratti naamusa barataa fi namni ispoortii tokko qabaachuu qabu calanqisiisuun fakkeenyummaa gaarii dhaalchisuu qabdus jedhaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira barnootaa magaalaa Adaamaa obbo Bariisoo Doorii gama isaatiin, naamusa bareedaa fi cimina barnoota keessaniin qabdan ispoortiirrattis agarsiisuu qabdu jedhaniiru. Magaalaan Adaamaa waan hundaan dorgomtuu fi injifattuu akkuma taate isinis naamusaan, ispoortidhaan, fakkeenyummaa gaaridhaan akkasuma miira injifannoo olaanaadhaan dorgommicha xumurtanii akka galtan abdiin qaba jechuun dhaamaniiru.

Waldorgommiin ispoortii kun boru kan jalqabu yoo ta’u, torban tokkoof itti fufas jedhameera.

Firaa’ol Doddee.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *