Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaala Abbaa Gadaa Aanaa Badhaatuutti konfaransiinNageenyaa  Abbootii Amantaa fi Jaarsolii biyyaa hirmaachise   gaggeeffame.

Itti gaafatamaan  Bulchiinsaaf Nageenya Aanaa Badhaatuu Obbo Yeroosan Taaddasaa  kayyoo konfaransichaa ibsaniin akka jedhanitti konfaransiin kun kan barbaachise ijaarama tajaajila poolisii hawaasaa labsiin hundaa’ee kana cimsuuf jedhanii kana cinattis hojicha caalmatti madaalaa deemuufi tokkummaa hojiifi jajjabina uumuuf ta’uu dubbatu.

Bulchaan Bulchiinsa Aanaa Badhaatuu Obbo Amansiisaa Zarihuun yaada hirmaattota waltajiitiif kennaniin akka jedhanitti ,nageenyi waaraan kan lafa qabatu yoo qindoominni hawaasaa jiraatedha jechuun ibsanii keessattu
nageenyi yoo hin jiraanne bahanii galuun hojjatanii jiraachuun rakkisaa fi yaaddoodha waan ta’eef ,yakkootaa fi alseerummaa nageenya faallessan hundarratti  halkanii guyyaa tokko taanee hojjachuun nageenya Aanaa keenyaa mirkaneessuu qabna jedhan.

Tajaajila poolisii Aanaa Badhaatuutti Barreeffama gabaabaa Gabaasaa hojii hojjatamaa ture  dhiyeesseen   saajin Umar Kadiir akka jedhetti  akka aanichaatti hojiiwwan gurguddoon  garagaraa kan akka daldaala seeraan alaa,saamicha garagaraa akkasumas alseerummaan  biroo akka hir’atuuf  tarkaanfii hanga sirreeffamaas fudhachuu kaasanii  gara fuuldurattis cichanii kan irratti hojjatan ta’uu eeraniiru.

Qajeelcha poolisii Kutaa Magaalaa Abbaa Gadaattii Kumaandar Tafarii Taadasaa gama isaaniitiin akka dubbatanitti
Hojiin hanga ammaa hojjatame boonsaa fi kan nama jajjabeessuudha jedhanii keessattuu eegumsi dhaabbiifi sochii akkasumas deeggarsi jiru ammas itti fufiinsa qabaachuu akka qabu dubbatu.

Qajeelcha ol’aanaa poolisii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti Itti aantuun Kumaandaraa fi itti gaafatamtuun qajeelcha   tajaajila poolisii Hawaasa  Komaandar  Dureettii Tafarii Konfaransii kanarratti argamuun Ijaaramni keessan haala kanaan qindaa’ee hojii gama nageenya aanichaa mirkaneessaa jiraachuun waan jajjabeeffamuu qabuudha jedhan.
Gama birootiin jedhan ,  qaamoleen hojicha kana tumsitan hunduu  galanni isiniif mala jedhanii  Aanichi iddoo daldalaafi invastimentii waan ta’eef  ammas kan duraa caalaa tokkummaan nageenya aanichaa eeguun hojjachuu qabdu  jechuun dhaaman.

Hirmaattonni Konfaransichaa gama isaaniitiin kanaan dura namoonni hannaafi saamicha irratti karaa adda addaatiin bobba’an yaaddoo nageenya aanichaa ta’uu himanii amma garuu xiqqaata jiraachuu kaasuun, ijaarama hawaasa fi qaamolee nageenyaa wajjiin hojjachuuf qophii ta’uu dubbatu.
Xumurarratti hojii fuuldura isaanii duguuganii Tokkummaan hojjachuuf waadaa galan.
Madiinaa Jaarsootu gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *