Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Abbaa gadaa Aanaa Buttaatti Mariin uummataa mata duree sabdanneessummaa, obbolummaa, nageenya waaraaf badhaadhina hunda galeessa jedhu irratti gaggeeffame.

Waltajjii marichaa irratti itti gaafatamaa Waajjira barnootaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa Obbo Bariisoo Doorii,Itti gaafatamaa siiyaasa paartii badhaadhinaa Kutaa Magaalaa Abbaa gadaa Obbo Masfiin Birhaanuu ,bulchaa Bulchiinsa Aanaa irreechaa Obbo Mokonnin Galaasaa ,abbooti gadaa fi hawaasnii aanichaa argamaniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira paartii badhaadhinaa Aanaa buttaa Obbo Issubaalewu Girmaa badhaadhina hunda galeessa jechuun hawaasni tokkomuun waliin hojjechuun jireenya gaarii fi mijaataa ta’e jiraachuun karoora mootummaan keenya qabatee jiru milkeessuuf karaa kamiinuu hojjechuudha jedhan.kana malees milkaa’inoota paartiin badhaadhinaa qabu ibsuun gama hawaasaaniis hudhaalee misoomaa fi dinagdee akkasumas dhimmoota walqixxummaa sabaa fi sablammootaa  irratti hubannoowwan garaagaraa barreeffamaan kennaniiru.Kaayyoon Marii haawasaa Kunis  nageenya waaraa buusuu , misoomaa saffisiisuu fi  badhaadhina hunda galeessa tahe ijaaruudha jechuun dubbatan.

Hirmaattonni waltajjichaas gamasaaniin hojiilee paartii badhaadhinaatti ni amanna jechuun garuummoo gama qaala’insa jireenyaa, mana jireenyaa,hojii dhabdummaa fi akkasumas gama nageenyaatiin jiru irratti gaaffiilee garaagaraa dhiyessuun irratti akka nuuf hojjetamu jedhan.

Gaaffiilee hawaasni gaafaterratti deebii fi kallatti kan Kennan bulchaan Bulchiinsa Aanaa irreechaa Obbo Mokonnin Galaasaa akka jedhanitti mootummaaniis gamasaatiin qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf ballinaan hojjechaa jiraachuu ibsuun hawaasnis karaaleewwan isaaf danda’amuun dinagdee fi Misooma  irratti hojjechuun mootummaa cina dhaabbachuu akka qabu ibsan.

Xumura irratti itti gaafatamaa siiyaasa paartii badhaadhinaa Kutaa Magaalaa Abbaa gadaa Obbo Masfiin Birhaanuu Itiyoophiyaan sadarkaa Kam  irraa akka dhufte ibsuun gaaffiilee bu’uura kanneen akka  walqixxummaa angoo , federaaliziimii dhugaa fi walqixxummaa sabaa fi sablammootaa ibsuun namni kamiyyuu mootummaa badhaadhina hunda galeessa ta’e kana hordofuun hawaasummaa cimsuuf dirqama isaa akka  haabahatu  jechuun ergaa dabarsan.

Gabaasni kan Amaanu’eel Daggafaati.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *