Magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa Daabeetti yaa’iin hundeeffama mana maree Aanaa Caffee gaggeeffame.

Yaa’ii kana irratti Afyaa’ii mana maree magaalaa Adaamaa Aadde Immabeet Jibbaa dabalatee itti gaafatamtuun ijaarsa Paartii magaalaa Adaamaa Aadde Amiinaa Inkush, hoggantoonni olaanoo kutaa magaalichaa fi miseensonni mana marichaa argamaniiru.

Manni marichaas Obbo Gosaa Tolaa bulchaa Aanaa Caffee taasisuun muudeera. Dabalataaanis  Obbo Jamaal Muhaammad Afyaa’ii mana maree Aanaa Caffee, Aadde Xirunash Maammoo ammoo af yaa’ii itti aantuu taasisuun muudeera.

Koree qindeessituu aanaa fi Kaabinoota  aanichaa kanneen birootiifis sagalee guutuun muudama raggaasiseera.

Kaadhimamtoonni muudamni isaaniif kennames miseensota mana marii fuulduratti waadaa seenaniiru.

Wixineen dambii ittiin bulmaata mana marichaas miseensota mana mareef dhiyaachuun sagalee guutuun mirkanaa’eera.

Itti gaafatamtuun ijaarsa paartii Badhaadhinaa magaalaa Adaamaa Aadde Amiinaa Inkush yaa’ii kana irratti akka jedhanitti akka magaalaa Adaamaatti Aanota moodela ta’an keessaa Aanaan Caffee isa tokkodha, hoggansi aanichaa martis hawaasa waliin ta’uun hojiilee gama sirna cimaa ijaaruu, omishtummaa dabaluu, Buusaa gonofaa, Badhaadhina waloo milkeessuuf hojjechaa ture itti fufsiisuu qaba jedhan.

Afyaa’iin mana maree magaalaa Adaamaa Aadde Immabeet Jibbaa kallattii kennaniin
miseensonni mana marichaa hoggantoota Aanichaa cina hiriiranii Karoora xiiqii Aanichi qabatee socho’aa jiru milkeessuuf hojjechuu akka qaban dhaaman.

Bulchaan Aanaa Caffee Obbo Gosaa Tolaa fi Afyaa’iin mana marii Aanaa Caffee Obbo Jamaal Muhaammad walduraa duubaan yaada Raadiyoo ABS’f kennaniin Imaanaa itti kenname hawaasa waliin ta’uun galmaan gahuuf akka hojjetan dhaaman.

Hoggantoota isaanii cina hiriiruun karoora xiiqii akka Aanichaatti qabanne galmaan gahuuf ni hojjenna kan jedhan ammoo miseensota mana marichaa keessaa kannneen dubbifnedha.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *