Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Dambalaatti Mariin Haala Nageenyaarratti Xiyyeeffate Qaamolee Nageenyaa Wajjiin Gaggeeffame.

Marichi  xiinxala Keessaafi alaarratti xiyyeeffatamee kan gaggeeffame yoo ta’u ,hooggansa ol’aanaa dabalatee, qaamoleen nageenya kabachiisan aanaawwan kutaa magaalichaa argamaniru.

Marii kanaan nageenya kutaa magaalichaafi magaalicha yaaddoo nageenyaarraa bilisa taasisuuf ta’uun himameera.

Barreeffama gabaabaa mariif ta’u kan dhiyeessan Itti gaafatamaan waajjira Bulchiinsaaf Nageenya Kutaa Magaalaa Dambalaa Obbo Shaambal Didhaa Marichaan dhimmoota alseerummaa garagaraa kanneen akka ijaarsa seeraan alaa ,daldala seeraan alaafi Namoota nama gowwoomsuudhaan dhimmoota garagaraaa seeraan ala ta’an raawwatan  irratti  hojiin seera qabsiisuufi seeratti deebisuu cimee akka hojjatamu  ta’uu kaasan.

Gama birootiin hojiiwwan seeraan ala ta’an too’achuuf oppireeshinii gaggeessuu  akka qabanis kan ibsan  barreeffamaan Obbo Shaambal qindoominna barbaachisuun hojiin nageenya kabachiisuu kutaa Magaalichaa ammas xiyyeeffannaa fi tumsa qaamolee hundaa kan barbaadu ta’uu ibsaniiru barreeffamichaan.

Qajeelcha poolisii Kutaa Magaalaa Dambalaatti Kumaander Warqinaa Disaasaa akka jedhanitti inni duraa kaayyoon marichaa ergama waloo keeenya fudhannee hojitti akka hiiknuuf jechuun dubbatanii, mariin irra deddeebiin gaggeffame kunis, caalmaatti hojiin harcaatii malee akka hojjatmuuf jedhan.
Itti dabaluun Kumaander Warqinaan hojii bobbii keenyas sirritti qindeessuun adda baasnee hojjachuu qabna kan jedhan iddoo rakkoon jirutti immoo tokkummaan sochaa’aa eeruu hawaasaas fudhachuunis barbaachisaa ta’uu qaamolee nageenyaa kanneeniif  dhaaman.

Hoji-raawwachiisaan Ol’aanaan kutaa Magaalaa Dambalaa Obbo Shifarraa Abbabaa Marii kanarratti argamuun kallattii hojii fuulduraa kennanniin , Nageenya keenya eegsisuuf dursa qophiin gahaan barbaachisaadha  jedhanii ,hojii hojjannu hundumaa keessatti kaayyoofi ergama keenya adda baasnee hubachuun harcaatii tokko malee  gurmaa’insa keenyaan hojii raawwachuu qabna jedhan.

Itti Dabaluun  Obbo Shifarraan nageenyi  kan hunda keenyaati kan jedhan ,nageenya  ummata keenyaa caalmaatti mirkaneessuuf hawaasa hirmaachisuufi odeeffannoo gama eeruutiin dhufu qulqulleessuun bobbii keenyas adda baasneee gaggeessummaa keenya guutuun  hojii keenya milkeessuu qabna jedhan.

Qaamoleen nageenyaa marii kanaratti argaman  barreeffama dhiyaateef bu’uura taasifachuun yaadaa kennaniin akka jedhanitti  nuti akkaataa ogummaa keenyaatiin bitaafii mirga ilaalaalaa nageenya hawaasa keenyaa eeguu qabna jedhanii,kana cinaattis iddoo yaaddoofi shakkii qabnus ni sakattaanee qulqulleessuun gahee keenya ni bahanna jedhan.

Dabalataan qaamoleen nageenyaa kunneen, Ijaarama keenya cimsinee xiinxalla guutuu yoo gaggeessine, wabii ummata keenyaa taanee hojjachuuf qindoomnni hawaasa wajjiinii barbaachisaadha jedhanii, hojichi immoo osoo kan qaama nageenyaa qofa taasifamee  ilaalamuu baate gaariidha jechuun  yaada ofii ibsan.
Gabaasni Kan Madiinaa Jaarsooti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *