Magaalaa Adaamaatti Giddugala Biqiltootaa/Botanical Garden/ Hundeessuuf Hojjatamaa Jira Jedhame


Hojiin giddugalicha hundeessuu Yunivarsitiin Saayinsii fi Teekinoolojii Adaamaa   bulchiinsa  Magaalaa Adaamaa wajjiin  ta’uun raawwatama.

Qo’annoo fi qorannoo biqiltoota qorichoomaaf oolan giddugalichatti walitti qabamanirratti  taasisuun kaayyoo hundeeffama giddugalichaa keessa tokko jedhan yunivarsitii Saayinsii fi Teekinoolojii Adaamaatti daareektarri Inistiitiyuutii Faarmaasiitikaalaa doktar Katamaa Taaffasaa.

Giddugalichi kuus-daataa qorannoos  of keessatti kan hammatuu fi iddoo haara galfannaa olaanaa  jiraattota magaalattii ta’aas eeran.



Lafa bulchiinsi magaalattii qopheesse heektaara 40rratti giddugala hundaa’uuf  yunivarsitichi qarshii miliyoona 60 ka’uumsaaf ramaduus himan doktar Katamaan.

Hoji-gaggeessaa Ittaanaa fi Itti Gaafatamaan damee tajaajila mana qopheessaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa obboo Kokkab Akliluu gama isaaniitiin giddugalli hundeeffamu kun  magaalattiif faayidaa hawaas diinagdee olaanaa qaba jedhu.

Madaala qilleensaa magaalattii eeguu bira darbee jiraattotaaf  iddoo haara galfannaa ta’uu akkasumas hawwattummaasaan daawwattoota gara biroo fiduun galii maddisiisuu danda’aa jedhan.

Milkaa’ina piroojaktichaafis yunivarsitii Saayinsii fi Teekinoolojii Adaamaa faana qindoominaan hojjatamaa akka jiru dubbatan.

Jamaal Kadiiritu Gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *