Magaalaa Adaamaatti kaffaltii dijitaal Adaamaa ‘e-payment tele birr’ hojiirra oolchuun haala danda’amurratti hawaasa daldalaa magaalattii waliin mari’atame.


Maricha haasawaan kan jalqabsiisan kantiibaan bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee akka jedhanitti galmoota 10 Ismart Adaamaa keessaa tokko diijitaal Adaamaa yoo ta’u, manneen hojii mootumaa keessatti hojimaata kennamu kamuu tajjaajila kenninsa dijitaalaatiin kennamaa jiru cimsuuf hojiin bal’aan hojjatamaa jira jedhan. Keessattuu naannoo lafaan walqabatee kaadaastara jalqabame xumursiisuuf bu’aa ba’ii hedduu qabaatus milkaa’ina guddaan hojjatamaa jiraachuus ibsan.
Kaffaltii kaffalamu kamuu karaa E-payment siistama diijitaala karaa teelee birriin daldaltoonni gara garaa qabeenya qabanitti seeraan akka itti fayyadaman gochuuf mariin kun barbaachise jedhan.

Keessattuu gandoota jiran hunda irratti babal’isuun nageenyummaa magaalichaa mirkaneessuuf jecha CCTV kaameeraan dhibbantaa 80 diriirsuuf hojjatamaa jiraaachuu hirmaattotaaf ibsan.

Guddina magaalichaa sadarkaa amma irra jirtu caalmaatti itti fufsiisuun hojiileen bal’aan hojjatamaa jiraachu ibsuun carraa qabnutti hunda fayyadamuun yeroon isaa amma jedhan obbo Hayiluun.

Itiyoo teelekom feederaalaatti daayireektarri ‘mobile money’ obbo Muhaammad Abdusalaam faayidaa teelee birriin qabuu fi sochii itti fayyadamtoota maamila isaanii sadarkaa irra jiru ilaalchiisuun barreeffamaan dhiyyeessaniin akka jedhanitti baasii qarshii biiliyoona 20 ol karaa kaffaltii dijitaalaa teelee birriin raawwachuun akka danda’ame ibsuun kana keessaa akka magaalaa adaamaatti kaffaltii boba’aa teelee birriin qarshii biiliyoona 1.4 ol raawwachuun danda’amus kun gahaa miti jedhan.

Daldaltoonni maricha irratti hirmaatan tokko tokkos yaadaa fi gaaffii qaban kaasuun akka jedhanitti Ismart dijitaal Adaamaa kaffaltiin karaa teelee birriin taasifamuun faayidaan isaa olaanaa ta’us akkaataa itti fayyadama siistamichaa irratti hubannoo leenjii yeroo yeroon akka kennamuuf gaafachuun itti fayyadamuuf qophiidha jedhan.

Yaadaa fi gaaffii hirmaattota irraa ka’eef deebii kan itti kennan kantibaan bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee akka jedhanitti Siistamnii dijitaal adaamaa qisaasa’uu yeroo, hannaa fi hiriira hin barbaachiifne xiqqeessuuf faayidaa olaanaa qaba jedhan.

Galmoota Ismart Adaamaa 10 qabatee hojjachaa jiru hojiirra yoo olchiine magaalaa guddina gama hundaan badhaate, miidhagduu,qulqullumaan ishee eegame iddoo hundatti hojjira oolaa jiru kanaaf qoodni hawaasa magaalaa murteessaa ta’uu ibsani jiru.

Kaayyoon waltajjii marii keenyaas akkaataa kaffaltii dijitaalaa teeleebirriin Itiyoo Telekoom waliin qiindaa’uun hubannoo leenjii yeroo yeroon kennuun daldaltoonni, abbootiin qabeenyaa hoteelotaa, manneen barnootaa dhuunfaa fi biroo yeroo yaaliif gara kaffaltii teelee birriitti ce’uu qabna jedhan.

Guddinni biyyaa gumaachaa fi hirmaannaa hawaasa keenyaa gama diinagdee, hawaasummaa ,teeknooloojii fi biroo keessatti taasisu qooda olaanaa qaba kan jedhan obbo Hayiluun siistama haarawaa kanaan hannaa fi hojimaata kenna tajaajilaa kanaan dura maanuwaaliin ture gara dijitaalaatti jijjiiramuun hojimaata walxaxaa fi harkifataa hambisuu keessatti bu’aan waliigalaasaa olaanaa dha jedhan.
Taayyee Abarraatu gabaase

12/09/2015
ABS(Adama Broadcasting Service)

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *