Magaalaa Adaamaatti leenjiin hoggansa manneen Barnootaafi Ogeeyyiif kennamaa ture xumuramuun sirni galateeffannaa taasifame

.


Barnoonni sammuu ilmaan namaa qaruu irra darbee addunyaa irrattis qaamni barnootaan badhaadhe qorannoo adda addaa gaggeessuun biyyaaf, biyyarra darbee addunyaaf bu’aa madaala isaa eege buusaa akka jiruufi kalaqaa akka jiru seenaan garagaraa ragaa bahu.

Bu’uuruma kanaan leenjichis haala waliigalaa barnootni qulqullinna qabu caalmaatti dhaloota bira akka gahuuf kan xiyyeeffatamee kennamaa tureefi mata duree ‘Transforming leadership and governance’ jedhu irratti dhaabbanni ‘Great Commission’ fi ‘Internashinal leadership foundation’ wajjin ta’uun, kan qaamolee kanneeniif kenne yoo ta’u, Barreeffamni gabaabaan waa’ee seektara barnootaa cimsu dhiyaachuun keessattuu akkaataa manneen barnootaa irratti hojiiwwan hojjataman gara jijjiirama guddaa fiduu danda’amu irratti pirojektoonni adda addaa qophaa’uun hojiiwwan gama kanaan jiran xiyyeeffannoon kennameefii bu’aa jijjiiramaa galmeessuun akka danda’amu ibsameeti jira. Kunis qulqullinni barnootaa caalmaatti akka milkaa’uuf ta’uun ibsamee jira.

Sirna kanarratti haasawaa kan taasisan itti gaafatamaan waajjira Barnootaa Obbo Bariisoo Doorii akka dubbatanitti biyyi tokko lalisuufi of duratti deemuu kan dandeessu barnootaaf xiyyeeffannoo kennuunu kan jedhan barnootni bu’uura waan hundaati waan ta’eef hundi keenya hojichaaf xiyyeeffanno kennuun biyyattii haa ceesifnu jedhan.

Itti dabaluun Obbo Bariisoon waan leenjine hojitti hiikuun cinatti ganna kana keessatti manneen barnootaa fi barattoota harka qalleeyyiif meeshaa walitti qabuu qabna kan jedhan qonna manneen barnootaas karoora keessatti galchinee hojicha gama kanaan jirus milkeessuu qabna jedhan.

Itti aanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr. Galaanaa Gabramikaa’el sirna kanarratti argamuun akka jedhanitti Manneen barnootaa ifa boruu Kuma 14 ol Karoorfamanii ijaaramaa jiran keessaa kumni 10 ijaaramee xumuramuu himanii , gama birootiin immoo biirichi ijoollee miliyoona 2.5 ta’aniif nyaata qopheessee nyaachisaa turuus dubbachuun, ammas hojiiwwan karoora keessatti qabatan ,iddoowwan manneen barnootaa hawwataa taasisuun nyaata barattootaafis qophii taasisuun dhimma ijoo hojii ta’uu kaasan.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adamaa Obbo Hayiluu Jaldee sirna kanarratti argamuun kallatti hojii gara fuula duraa kaa’uun akka dubbatanitti, haalli qabatamaan irra jirru kan leenjii akkanaa barbaachisudha jedhanii keessattuu dhaloota boruu ijaaruuf dhaabbilee barnootaafi barnoota cimsuun dhimma hunda dursudha jedhan.
Kanaaf manneen barnootaa keessatti dhaloota qaruuf barnoota bu’aa caalmaa qabu irratti xiyyeeffachuun qulqullinna barnootaa lafa qabsiisuun dhaloota sammuun badhaadhe uumuudha jedhan.

Kanas jijjiirama qalbii fudhanna barnootaaf qaban irratti xiyyeeffannee akka hojjannu jechuunis dhaaman.

Barsiisonni sirna kanarratti hirmaatan gama isaaniitiin leenjiin akkanaa kun itti nuuf fufuu qaba jedhanii keessattuu nutis amaanaa ijoollee barattootaa nutti kennameefi qulqullina barnootaa lammii barnootaan gahoome qarree baasuuf ni hojjanna jechuun qophii qaban ibsan.

Xumurarratti qaamolee milkaa’ina hojii baruufi varsiisuu akkasumas hojiiwwan magaalichaa milkeessuuf shoora bahataniif beekamtiifi waraqaan ragaa kennamuun sagantichi goolabame.
Madiinaa Jaarsootu Gabaase.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *