Magaalaa Adaamaatti manneen murtii aadaa hunda’an hojiiwwan gurguddoo hojjachaa jiraachuun ibsame.


Manneen murtii aadaa kunneen sadarkaa jalqabaa fi oldabarfataatti hundaa’uun duudhaa fi safuu irratti bu’uuruun tajaajila haqaa hawaasaaf kennaa akka jiran namoonni tajaajila argatan ni dubbatu.
Uummanni Oromoo duudhaa fi aadaa ganamaa ittiin waldhabdee isaa hiikkataa turan kana iddootti deebi’ee tajaajila isaaniif kennaa jirutti gammachuufi abdiin qaban guddaa ta’uu irraa ka’uun rakkoo hawaasummaa isaanii ittiin hiikkataa jiraachuu fi itti fayyadamaa jiraachuu ni dubbatu.

Keessattuu iddoon kun bakka haqa qulqulluu hawaasni itti argatuu fi safuufi safeeffannaa isaa itti jabeeffatu ta’uu irraan dhimmoota mana murtii idileetti deddeebi’uun itti quufinsa irraa dhaban mana murtii aadaa sadarkaa jalqabaa fi oldabarfataatti filachuun walitti araramuun waliin jiraataa jiru.

Kunis baasii fi qisaasama hin malleef akkasumas dadhabbii deddeebii humna isaanii gara mana murtii idileetti deddeebi’uun rakkataa turan hawaasarraa hambisuu himu.

Abbaan Gadaa mana murtii aadaa oldabarfataa Magaalaa Adaamaa Obbo Margaa Laggasaa akka dubbatanitti erga manneen murtii aadaa sadarkaa jalqabaa fi oldabarfataa hundaa’ee eegale hawaasni keenya karaa waldhabdee isaa tasgabbiin ilaalameefi ittiin hiikkatu waan argateef gara kanatti dhufuun dhimmoota akka waldhabdee maatii jidduu, mallaqa wal dhorkachuufi dhimmoota biroos ilaaluun araarsinee jireenya isaanii akka waliin jiraatan taasisaa jirraa, kanaaf hawaasni keenya ammas garanatti dhufuun rakkoo isaanii baasii tokko malee yeroo gabaabaa keessatti akka hiikkatan jechuun dhaaman .

Jaarsi biyyaafi manguddoon mana murtii aadaa oldabarfataa Magaalaa Adaamaa Obbo Fayyisaa Magarsaa gama isaaniitiin uummanni Oromoo safuufi duudhaa kaleessa ittiin bulaa ture kan Akaakileefi Aaabileee isaa dhaalchise ganamaa qaba waan ta’eef nutis isa kana bu’uura taasifachuun hawaasa keenya tajaajilaa barsiisuun rakkoo isaanii furaa jirra jedhan.

Abbaan Gadaa mana murtii aadaa sadarkaa jalqabaa Ganda Dagaagaa Abbitti Eda’oo akka dubbatanitti hojiiwwan mana murtii aadaa gandichaan hojjatame dhimmoota gurguddoo kanneen akka maallaqa guddaa walii deebisiisuu, maatii waldhabee waggaa hedduuf adda bittinnaa’e araarsanii walitti deebisuu himanii kun fakkeenyummaa mana murtii aadaa gandoota biroof ta’uu danda’a jedhànii aadaafi duudhaa uummatichaa kana haa kunuunfannuu jedhan.

Haati siinqee mana murtii aadaa sadarkaa jalqabaa ganda Dagaagaa Aadde Shawaayyee Addunyaa akka dubbatanitti haati Siinqee araara keessatti gahee guddaa qabaachuu ibsanii nutis gahee dubartummaa fi safuun uummatichaa araara keessatti qabu hubachiisuun araara buusaa jirraa jedhan .

Bulchaan Bulchiinsa Ganda Dagaagaa Obbo Habtaamuu Gizaaw akka jedhanitti aadaa fi duudhaan uummata Oromoo calaqqee ummatichaa Kan dhaloota dhufuuf jireenya isaanii cimsu ta’uu himuun aadaa dilbii kana tumsuun , ceesisuun immoo dhimma filannoof dhiyaatuu miti jedhan. Akka Ganda isaaniitti hojiin mana murtii aadaa sadarkaa fi hojii gaarii irra jiraachuu fi hojjachaa jiraachuu kan himan Obbo Habtaamuun keessattuu iddoo fi biiroon tajaajilli hawaasaa gama kanaan itti kennamaa jiru aadaafi duudhaa hawaasichaa caalmaatti.kan ibsu mijaawaa waan ta’eef agarsiiftuu kabaja hojichaaf qabnuu fi akka muuxannoo hojichaa gama kanaan jiru babal’isuu ibsuuttis kan tajaajiluu jedhan. hubannoo bal’aa hawaasicha dhaqqabsiisuuf immoo Raadiyoo Adaamaa Biroodkaasting fayyadamaa jiraachuun ibsanii midiyichaas galateeffatan.

Namoonni dhimma waldhabdee isaani fixachuuf gara mana murti aadaa sadarkaa jalqabaa fi oldabarfataatti Dhufan arginee dubbisnes yaada isaanii Raadiyoo ABS kennaniin akka jedhanitti safuufi duudhaa kaleessa keenyatti deebinee dhimma keenya karaa kanaan akka nuuf ilaalamu taasisuun haqa qulqulluufi araarri dhugaa nu jiddutti akka uumamuuf nu gargaara waan ta’eef garanatti dhimmichas fidannee Aadaa keenyas ni kunuunfannaa jechuun yaada isaanii ibsan.
Madiinaa Jaarsootu gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *