Magaalaa Adaamaatti piroojektii ‘Smart city’eegalame milkeessuun haala danda’amu irratti mariin paanalii gaggeeffame.

22/09/2015
ABS(Adam


Marii kanarrattis sadarkaa pirezidaantii itti aanaatti qindeessaan kilaastara magaalota Oromiyaa obbo Masfiin Malaakuu, Ministirri Deetaan misooma magaalotaa fi konistiraakshinii Obbo Faantaa Dajan, hoogganaan Biiroo misooma magaalotaa fi manneenii Oromiyaa obbo Mahaammad Guyyee fi qooda fudhattoonni gara garaa argamaniiru.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee,imala badhaadhinaa keenya sadarkaa olaanaatti ceesisuuf adeemsota duraan turan fooyyessuunifi yaadamoota haaraa hojiirra oolchuun mootummaan naannoo Oromiyaa kallattii kennee irratti hojjechaa tureera. Akka magaalaa Adaamaattis carraa jirutti fayyadamnee wanta magaalattii gituu fi hawaasa magaalichaaf malu adda baasnee qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun hojiirra akka oolu taasifamaa tureera jedhan.

Piroojektiin ‘Smart Adaamaa’ kunis wayita eegalamutti qormaatilee hedduun akka turan kan himan Obbo Hayiluun, rakkoo kanas hongansa magaalattii sadarkaan jiran hirmaachisuun furuun danda’amee jira jedhan.

Hojiilee yaadama ‘Smart Adaamaa’ eegalameen walqabatee gabaasa kan dhiyeessan itti gaafatamaan waajjira saayinsii fi teeknooloojii magaalaa Adaamaa Injiinar Muktaar Jeeyilaan gabaasa dhiyeessan keessaatti akka jedhanitti, galmoota ‘smart Adaamaa’ eegalaman kunneen gara kutaa magaalaa fi gandaatti gadi buusuun hojii irra akka oolan taasifamaa turaniiru jedhan.

Kenna tajaajilaan, sirna bulchiinsa lafaa fooyyessuun, qulqullina magaalaa fi akkaataa teeknooloojiiwwan gara garaa fayyadamuun eegumsa naannoo mirkaneessuun danda’amurratti kallattiin ka’amee iratti hojjetamaa ture jedhan. Kana malees gama sarara geejjibaa fi kenna tajaajila fayyaa ammayyaa irratti raawwiin ture gaarii ta’uu himaniiru.

Ministirri Deetaan misooma magaalotaa Obbo Faantaa Dajan gama isaaniin magaalaa jechuun guddina biyya keenyaa kan ibsan keessaa isa tokko waan ta’eef akka magaalaa Adaamaatti hojiin eegalame kun akka biyyaattis hojii boonsaadha jedhan.

Saganticha irrattis piroojektii ‘Smart Adaamaa’tiif koreen miseensota 22 qabu kan filatame yoo ta’u, bulchiinsa magaalaa Adaamaa fi INSA gidduutti sanadni walii galtee mallattaa’eera.

Xumura irratti pirezidaantii itti aanaatti qindeessaan kilaastara magaalota Oromiyaa obbo Masfiin Malaakuus saganticha irratti akka jedhanitti galmoonni afur magaalota irratti qabaman hojiirra akka ooluun bu’aa argamsiisaa akka jiran himuun, magaalota giddu gala cehumsa teeknoloojii taasisuu keessatti Piroojektiin “Smart Adama” adda durummaan kan eeramuudha jedhaniiru.

Hojiilee akka magaalaa Adaamaatti hojjetamaa jiran kanas koreewwan filatamanii fi hawaasa waliin ta’uun tumsa taasisaa galmaan ni geenyas jedhan.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *