“Magaalaan Awaash Malkaasaa caaseffama riijiyoo pooliin gara aanaatti guddattee magaalaa Adaamaa jala galuun rakkoo hawaas diinagdee keenya dhiheenyatti akka hiikkannu nu gargaara” jedhan jiraattotni aanaa Awaash malkaasaa.

.

Bulchiinsi aanichaas gandoota baadiyyaa afur of jalatti haammatee caaseffamuun himame.


Magaallii Awaash malkaa Sa’aa duraanii godina Shawaa Bahaa Aanaa Adaamaa jalatti buluun erga hundooftee waggoota shantamaa ol lakkoofsistuus guddinni ishee harkifataa ture.

Gaaffii fi hawwii yeroo dheeraa jiraattotaa ta’e kana deebisuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa gaaffii uummanni gaafatu kana deebisuuf riifoormii caaseeffama haarawaatiin riijiyoo poolii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa jalatti Aanaan Awaash Malkaa Sa’aa of dandeesse akka bultu dhiyeenya kana taasifamee jira.

Jiraattonni Aanaa Awaash Malka Sa’aa yaada Raadiyoo ABS’f kennaniin caaseeffama haarawaan Aanaa taanee magaalaa Adaamaa jalatti gurmaa’uun gaaffii keenya yeroo dheeraa gaafachaa turre deebii argachuun rakkoolee hawaas-diinagdee qabnu nuu fura jedhan.

Kana malees Aanaan Awaash Malkaa Sa’aa qabeenya pooteenshaala invastimantii qonnaa, daldala gara garaa, tuurizimii fi biroon badhaatu dha kan jedhan jiraattonni kun carraa qabnu kana bu’a qabeessa akka ta’uuf xiyyeeffannaa mootummaan kenneef ni galateefanna jedhan.

Bulchaan Aanaa Awaash Malkaa Sa’aa obbo Habtaamuu Dureechaa akka jedhanitti gurmaa’insa haaraa kanaan magaalaan Adaamaa gara sadarkaa riijiyoopooliitti guddachuun carraa bal’a hawaasa magaalichaatiif fide olaanaa fi gara Aanaatti ol guddachuun isaa kenni tajaajila abbaa dhimmaa si’ataa, qulqulluu fi ariifata gochuu keessatti faayidaa guddaa qaba jedhan.

Kana malees caaseeffama haarawaan walqabatee carraa misooma piroojeektoota haarawaa hojjatamanii xumuramuun tajaajilaaf oolaa jiran kana cinaatti qoodni hirmaannaa uummataa, dhaabbileen misoomaa gara garaa iddoo olaanaa qaba; qaamolee biroo Aanaa kana guddisuu fi misoomsuu barbaadanifis waamicha dhiyeessani jiru.
Taayyee Abarraatu gabaase

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *