Mana Amantaa Teewaahidoo Ortodooksii Itophiyaatti lallaba Godina shawaa Bahaa yaa’ii walii galaa waggaa 42ffaa gaggeessee jira.
Yaa’icha irratti eebbifamoo Abbaa Gorgooriiyoos phaaphaasii lallabaa Shawaa Bahaa dabalatee,hojii gaggeessitoota manneen lubummaa aanaalee kudha lamaan lallaba shawaa Bahaa,bakka bu’oota mootummaa,
abboottii Gadaa, haadholii Siinqee akkasumas hirmaattotni amantaalee argamaniiru.
Haasawaa Baga nagaan dhuftanii fi kaayyoo yaa’ichaa ilaalchisee eebbifamoo Abbaa Gorgooriiyoos phaaphaasii lallabaa shawaa Bahaa akka jedhanitti amantaalee fi sabootaa walitti buusuuf qaamoota hojjachaa jiran irratti mootummaan tarkaanfii sirreeffamaa fudhachuu qaba jedhu.Kana malees jedhu gama amaantaaleetiin nageenya lallabuun, rakkoolee mariin hiikaa deemuu fi waliin furuuf hojjachuu qabu kan jedhan eebbifamoo Abbaa Gorgooriiyoos phaaphaasii lallabaa shawaa Bahaa
hawaasni afaan isaatiin akka hubatanii fi akka baratan barsiisuuf lallaabni afaan oromootiin jalqabamee cimee itti fufuu qaba jedhan.
Malaake Mireet Qoomoos Abbaa Gabrameediin Nigusee hojii gaggeessaa ol’aanaa lallaba Shawaa Bahaa gabaasa hojii bara 2015 dhiyyeessaan keessatti manneen amantaa keessatti lammii biyyaaf ta’u barsiisuu fi ijaaruun, hawaasni amantaa nama kamuu waliin jalaalaafi tokkummaan hojjatamaa akka ture dubbatu.Bakka rakkoo fi wal-dhabdeen ummamaaniitti abbootii gadaa fi haadholii sinqee waliin hojjatamaa akka ture kan ibsan Malaake Mireet Qoomoos Abbaa Gabremediin,hojiilee gama mootummaatiiniis jiran wal hubachuu fi kallaatti wal irraa fudhachuun kan hojjachaa turredha jedhu.
Hojii gaggeessitoota manneen lubummaa aanaalee hundi tokkummaa isaanii
cimsuun,ajaajaa fi seera mana amantachaatiin hogganaamaa akka ture ibsuun,afaan naannichaatiin manneen amantaa 426 jiran hundaa keessatti ittiin hojjatamaa fi barsiifamaa akka jiru dubbatu.
Hojii gaggeessitoota manneen lubummaa aanaalee kudha lamaan lalaba shawaa Bahaa irraa gabaasa dhiyyaayee keessattii manneen amantaalee keessatti afaan oromootiin akka lallabamuu fi barsifamu gochuu,hojiilee lammummaa irratti hirmaachuu,manneen amantaalee baadiyaatti cufaman akka banamaan gochuu,barattoota maatii harka qalleeyyii gargaaruu, kuduraa fi muduraalee nyaataaf oolaan manneen amantaalee keessatti dhaabuufi hawaasaaf raabsuu fi kkf akka ciminaatti yoo ibsan,rakkoolee nam-tochee fi ummaamaaniin walqabatee manneen amantaa keessatti darbee darbee mul’achuu, amantaa dawoo godhachuun amantaa fi saba walitti buusuuf akkasumas biyyaatiin akka raafamtu hojjetamaa akka rakkootti dhimmoota kaasaniidha.
Luboonnii fi hirmaattootni tokko tokko yaa’iin gaggeefame kun amantaa keenyaa kan cimsuu fi rakkoolee uumaman hiikuu fi hordoftoota amantaalee keenyaa duudhaa amantichaa eeganii akka lallabanii fi aadaa hiikachaa deemuu akka danda’an kan nu taasiseedha jechuun yaada isaanii dhiyyeessaan.
Kan Gabaase Sisaay Isheetuu fi Hawwii Abaataa.