Manni murtii aanaa kutaa magaalaa Daabee haalaa ragaa sobaa hir’isuun danda’amu irratti qooda fudhattootaa fi hawaasa walin marii gaggeesse.

Maricha kan gaggeessan Abbaan Seeraa mana murtii magaalaa Adaamaa obbo Birraa Beenyaa akka jedhanitti waajjirri mootummaa hunduu sirna qabiinsa ragaa ammayyaa ta’etti fayyadamuun,ogeeyyi badii rawwatan irratti tarkaanfii fudhachuun, poolisiin nama raga sobaa dhiheessu qoratee adabsisuun ragaa sobaa hir’isuuf qaamni hunduu tumsa irraa eegamu taasisuu qaba jedhan.

Abbaan seeraa kutaa magaalaa Daabee obbo Urgaa Sabsibee akka jedhanitti kaayyoon marichaa miidhaa ragaa sobaa kenniinsa tajaajila haqaa irratti fidu hir’isuuf akkamitti hojjatamuu qaba yaada jedhu irratti hubannoo walii kennuufi jedhan.

Ittii gaafatamaan siyaasa paartii badhaadhinaa kutaa magaalaa Daabee obbo Biiftuu Ifaa gama isaaniitin ragaan sobaa nama walitti buusee biyya diigaa jira waan ta’eef hayyoonni, dargaggonni hundumtuu ragaa sobaa balaleefachuun biyya haqaan ijaaramte dhalootaa dhalootatti dabarsuuf waliin taanee hojjachuu qabna jedhan.

Hirmaattoonni mariicha irratti yaada kennaniin akka jedhanitti sanadaa fi ragaa gama mootummaa akkasumas nama dhuunfaatirra dhimmoota garagaraatiin mana murtiitti dhufu qulqullinaan qoratamee  ragaa sobaa hir’isuuf haqaan irratti hojjatamuu qaba jedhan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *