Manni murtii waliigalaa Oromiyaa hojiilee manneen murtii magaalaa Adaamaa deeskii odeeffannoo irraa kaasee hanga dhaddacha Abbaa seeraa jiru diijitaaleesssuuf leenjii hubbannoo uumu qoooda fudhatootaaf kennaa jira.

Leenjii kana irratti abbootiin seeraa, ogeessa seeraa, ogeessa teknoolojii qunnamtii fi odeeffannoo(TQO) akkasumas pirezidantoota mana murtii Aanaa kutaa magaalaa, ofiisera seeraa fi kanneen biroon argamaniru.

Tajaajila teknoolojiin deeggarame kennuun tajaajila si’ataa fi dhaqabamaa te’e hawaasa biraan gahuuf akkasumas galmeen baname hanga xumura argatutti haala istaandardii hojii qoratameen hojii irra olchuun kenninsi tajaajila olii yookiin gadi ta’uu adda baasani beekuuf kan gargaaruudha.

Pirezidaantiin mana murtii olaanaa magaalaa Adaamaa Obbo Maammoo Tusii akka jedhanitti kenna tajaajilaa irratti dhimmi mana murtii dhufu kamiyyuu himanna, deebii, falmiiwwan gara garaa barreeffamaan dhiyatan hunda gara dijiitalaatti jijjiruuf leenjii kennaa jiraachuu himuun, dhimma kamiyuu gara mana murtiitti dhufu softi kooppiin kan keessummeessan ta’u himan.

Itti dabaluunis obbo maammoon abbaan dhimmaa mana murtii osoo hin dhufin bakkuma jiru irraa dhimma isaa ergachuun, tuttuqaawwan gara garaa irraa bilisa waan ta’eef al-seerummaa hambisuu keessatti gahe olaanaa qaba jedhan.

Daareektarri daareektoreetii mana murtii waliigalaa Oromiyaa Obbo Kasahuun Dastaa, dhimmoota ummataaf salphaa ta’eefi tuttuqqaa waraqaa malee hawaasa biraan gahuuf kan hojjatan ta’uu fi sistamichi unkaa gara garaa off keessaa kan qabu ta’u himuun, abbaan dhimmaa lakkoofsa galmee isaatiin maal irra akka jiru hordofuu kan danda’an ta’uu himan.

Qooda fudhattootni tokko tokko yaada kenannin leenjii argatan irraa hojitti galuun  abbaa dhimmaa saffisaan akka tajaajilamu akka taasisan himan.

Leenjichis guyyoota sadiif kan turu ta’uu sagantaa bahe irraa hubachuu danda’amera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *