Manni qopheessaa magaalaa Adaamaa Waldaalee qulqullinaafi miseensota sagantaa wabii nyaataa hirmaachisuun duula qulqullinaafi kunuunsa biqiltuu taasise.

Magaalaa Adaamaa magaalaa qulqulluu,miidhagduu , magariituufi jireenyaaf mijattuu gochuun karoora Ismaarti Adaamaa dhugoomsuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira.

Duullii qulqullinaa fi magariisuu  akka Magaalichaatti  idileedhaan  kutaaleen hawaasa garagaraa Magaalicha  yeroo qulqulleessan ni muldhata.
Haaluma kanaan waldaaleen wabii nyaataa magaalaa Adaamaa barii baraaqaan bahuun magaalicha qulqulleessun fi iddoo daandii aspaaltii irratti biqiltuun dhaabbatu boolla qootanii jiru,biqiltuu dhaabames kunuunsan.

Miseensoonni waldaalee itti fayyadama wabii nyaataa magaalaa Adaamaa tokko tokko raadiyoo ABS f yaada kennaniin akka jedhanitti  barii baraaqaan bahanii   balfa gara garaa qulqulleessun fi iddoo biqiltoonni dhaabbatan qootun Magaalaa keenyaa miidhaksaa jirra jedhan.
Kana malees erga miseensa waldaa itti fayyadamtoota wabii nyaataa ta’anii as jiruuf jireenya isaanii jijjiruun kanaan dura rakkoo gara garaatiif saaxilamaa turan seenaa ta’ee darbee jira mana qooheessaa magaalichaa carraa kana nuf kenneef ni galateeffanna jedhan.
Itti aanaa hojii gaggeessaa fi Itti gaafatamaa damee tajaajila mana qopheessaa magaalaa Adaamaa obbo Haabtaamuu Gizaaw akka jedhanitti kaayyoon hojii kanaa
Magaalaa Smart taate qulqullooftuu,jireenyaaf Mijooftuu fi gidduu gala konfiransii taatee sadarkaa biyyaatti fakkeenya akka taatuuf bara baraan waldaalee wabii nyaataa fi hawaasa hirmaachiisuun duulli qulqullinaa fi magariisuu idileedhaan gaggeefamaa jirun jijjiramni guddaa dhufaa jira jedhan.
Kana malees magaalichii giddu gala konfiransiifi turuzimii taatee kana akka madaaluuf daandiwwan jiran irratti teeraazoo  deemsa miilaatiif akka toolu hafuun iddoolee kanaan dura seeraan ala qaban gara paarkiwwan haara galfiitti jijjiruun carraa hojii  namoota hedduuf uumaa jiraachuu ibsan.
Keessattu biifa idilaa’een kutaalee magaaloota jira jahan irratti hawaasni fi miseensoonni waldalee itti fayyadama wabii nyaataa bahanii raadiyeessii meetira 20 fi dhaabbilee dhunfaa ammoo raadiyeessi meetira 50 irratti bahanii akka qulqulleessan taasifamaa jiraachuus ibsan.
Taayyee Abarraatu gabaase

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *