Manni Sirreessaa godina Shawaa bahaa qabiinsa mirga sirreeffamtootaafi leenjii ogummaarratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu beeksise.


Hogganaan mana amala sirreessaa godina Shawaa bahaa Komaandar Jeeyilaan Muhaammad turtii addatti
Raadiyoo ABS waliin taasisaniin manni Sirreessaa godina Shawaa bahaa toora xiyyeeffannoo sadiin bu’uureffamuu himanii qabiinsi mirga namoomaa haalaan eegamaa jiraachuu himan.

Sirreeffamaan mana jireenyaa mijataa argachuu,nyaata argachuu fi yaala bilisaa argachaa kan jiran ta’uu dubbatu.

HojiI amala sirreeffamaa sirreessuu hojjatamu keessaa abbootii amantaa isaan waliin akka walquunnaman taasisuun dabalatatti ogummaa adda addaa irratti bobba’uun hojjatanii of gargaaruu fi maatii ofii gargaaruu akka danda’an taasisaa jirra jedhan.

Itti dabaluun yaada kennaniin sirreeffamaan amala jijjiirrachuu qofa osoo hin taane ogummaan badhaadhee waan bahuuf, manni sirreessaa godinichaa iddoo sirreeffamaan mirgi isaa itti eeggamee sammuu fi ogummaan misoomee bahu malee iddoo dararaa fi reebichaa akka hin taane ibsan.

Sirreeffamtoonni seeraa qaamaan argamnee dubbifne tokko tokko yaada Raadiyoo ABS’f qoodaniin yakka garaagaraa hojjachuun gara mana sirreessaa erga dhufanii as jijjiirama amalaa fiduun abbaa ogummaa gara garaa, abbaa ogummaa mukaa, sibiilaa fi dabbasaa muruuf dhahuu kan argatan ta’uu ragaa bahu.

ciminoonni jiran akkuma jiranitti rakkooleen mana fincaanii dubartoota biratti mul’atanii fi darbee darbee qulqullina nyaataa irratti rakkooleen mul’atan akka furamuufis gaafataniiru.
Xaahir Gammaduutu gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *