Misooma jallisii lafa hektaara 7 eegalle barana lafa hektaara miiliyoona 1.1 misoomsuu dandeenyerra – Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa


Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Abbichuu fi Nya’aatti Qamadii Jallisiin misoome daawwateera.

Misooma jallisii lafa hektaara 7 eegalle barana lafa hektaara miiliyoona 1.1 misoomsuu dandeenyerra jedhan.

Qonnan bulaan kana dura waqtii bonaa hojii malee ture yeroo ammaa misooma jallisii hojjechuun bu’aa argachaa jiraachuu eeraniiru.

Bara dhufu misooma jallisii caalmaatti cimsuun oomisha Qamadii % 5 dabaluuf ni hojjetama jechuun ibsaniiru.

Pireezidaanti Shimallis Qonnaan bulaan misooma jallisii fi qonnaa hojjechuu qofaa osoo hin taane qusannaas cimsuu akka qabu hubachiisaniiru.

Ganna dhufus hojii qonnaan cinatti hojiin ashaaraa magariisaa hirmaannaa uummataatiin caalmaatti cimuun itti fufa jedhan.

Hojii misooma Finnaa jalqabame jabeessuun bu’aa qonnaan bulaa mirkaneessuu caalmaatti kan hojjetamu ta’uu eeraniiru. FBC

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *