Paartiin badhaadhinaa paartii qabsoo uummataatiin dhalatee fi fedhii jijjiiramaa hawaasa keessa jiru milkeessuun yeroo gabaabaa keessatti uummata isaa biratti fudhatama argateedha jedhan itti gaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Ashannaafii Ajjamaa

Paartichi koonfiraansii paartii bitootessa 17/2016 akka magaalaatti gaggeeffamuuf jiru ilaalchisee addatti raadiyoo ABS f ibsa kenneera.
…………………………….

Uummanni Oromoo fi sabaaf sablammoonni biyya kanaa dhiibbaa sirnoota darbaniin isaanirra gahaa tureef qabsoo hadhaa’aa gochaa turanis qabsicha keessatti gaheen uummata Oromoo olaanaa ture jedhan itti gaafatamaan paartichaa obbo Ashannaafii Ajjamaa.

Paartichi paartii qabsoo uummataa keessaa biqileedha kan jedhan obbo Ashannaafiin gaaffii diinagdee, siyaasaa fi dimookiraasii deebisuu fi lafa qabsiisuuf hojii guddaa hojjachaa tureera jedhan.

Jijjiirama akka biyyaatti dhufe itti fufsiisuufis paartichi riifoormiwwan gurguddaa gochaa turuus himaniiru.

Qabsoo fi jijjiirama paartichi taasisu keessatti qormaatileen hedduun keessa fi alaan turanis qormaaticha gara carraa gaariitti jijjiiruun injifannoowwan gurguddoon galmaa’uu danda’aniiru jedhan.

Uummannis rakkoolee kanaaf osoo hin jilbeenfatiin akeekaa fi haqa qabeessummaa paartichaa hundeerraa hubachuun bakka paartichi gahe hundatti deeggarsa olaanaa gochaa turuus himaniiru.

Filannoo marsaa 6ffaa booda koonfiraansiin walakeessaa waggaa lamaaf walakkaa bitootessa 17 gaggeeffamuuf akka ta’u kan himan obbo Ashannaafiin barbaachisummaan koonfiraansii kanaa waggoota lamaaf walakkaa kana keessatti raawin hojii ijaarsaa fi siyaasaa paartichi gochaa ture sadarkaa maaliirra akka jiru ilaaluu fi kana keessatti gaheen hoggansaa, miseensa fi uummataa maal akka ta’e qorachuufi jedhan.

Milkaa’inaa fi hanqina keenyaa gamaggamuun kallattii gurguddaa akka biyyaatti taa’an adda baafachuun hojii fuula duraa kaa’achuufis koonfiraansiin kun murteessaa ta’uu himaniiru.

Paartichi fedhii fi dantaa uummata Oromoo fi sabaaf salammii biyya kanaa eegudhaaf bu’uura gaarii kaa’aa dhufuu himanii bu’uura kana hundee gadjabeessuuf sadarkaa qabsoo amma irra geenyee olitti hojjachuufis koonfiraansiin kun hiikkoo gaarii qabaachuu dubbataniiru.

Duudhaa paartichaa keessaa inni tokko ijaarsa biyyaa xumuruu, marii hundagaleessa gochuu fi gaaffilee uummataa hin deebine deebisuudha kan jedhan obbo Ashannaafiin seenessaa dogongoraa ture sirreessun obbolummaa fi daneessummaa uummataa cimsuun biyya dhiigaa fi lafeen nutti kennamte itti fufsiisuun biiyya jabduu ijaaruuf koonfiraansiin kun bu’uura cimaa kaa’a jennee amannas jedhaniiru.

Koonfiraansiin kun sadarkaa hundee paartitii kaasee aanaa fi sadarkaa kutaa magaalaatti gaggeeffamaa turuu yaadachiisanii, akka magaalaattis bitootessa 17 gaggeeffamuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.

Firaa’ol Doddee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *