Rakkoolee Dhaabbilee Invastimantii Mudatan duuchaan wal abaaruun osoo hin taane qaamni dhimmi ilaallatu akka furu eeruu fi hordoffii cimaa taasisuun furra-obboo Ahimad Idiriis.Mariin Sochii Invastimantiirratti Xiyyeeffatee Biiroo Invastimantii fi Indastirii Oromiyaatiin Qophaa’e Qooda Fudhattoota Wajjiin Taasifameera.

Rakkoolee dhiyeessii indastiriiwwan mudatan haala waloon furuu itti danada’amu uumuun kaayyoo marichaa keessayi jedhan Hoogganaan Biiroo Invastimantii fi Indastirii Oromiyaa obboo Ahimad Idiriis.

Karoora akka biirichaatti bara 2016 milkeessuuf yaadamerratti hundumtuu gahee irraa eeggamu akka bahatuuf qopheessuunis qaama marichaa ta’uu ibsan

Barreeffamni ka’uumsa marii haala waliigalaa invastimantii naannichaarratti xiyyeeffatee fi rakkoolee furmaatni laatamuufi qabu jedhan ibsu dhiyaateera.

Dhiyeessii faayinaansii fi humna ibsaa akkasumas hanqinni meeshaalee ijaarsaa rakkoolee ijoo dhaabbileen invastimantii maricharratti argaman dhiyeessaniidha.

Dhaabbileen misoomaa fi baankotnis dhimmicharratti deebii fi ibsa itti kennuun mariyatameera.

Kallattii gara fuula duraa kan kaa’an hoogganaan biiroo Invastimantii fi indastirii Oromiyaa obboo Ahimad Idiriis naannichatti invastimantiiwwan haaraa kuma 30 hojiitti galchuuf karoorfameera jedhan.

Kanumaanis carraa hojii namoota kuma 500f uumuu akksumas damicharraa sharafa alaa doolaara miliyoona 800 argachuuf yaadamuu ibisan.

Kana hunda milkeessuuf immoo rakkoolee dhiyeessii fi kan biroo dhaabbilee invastimantii qunnaman duuchaan osoo hin taane abbaa itti tolchuun eeruu kenninee raawwii isaammoo itti fufiinsaan hordofaa adeemnaa jedhan.

Hojmaata ittigaafatamummaa ifa ta’e diriirsuun rakkooleen osoo hin kufamin furmaata argachuu akka qabanis hubachiisaniiru.

Jamaal Kadiiritu Gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *