Sagantaan Namoota Baadiyaarraa Gara Magaalaatti Godaananirratti Hojjatu Walta’iinsa Dhaabbata ‘Siitiis Aliyaans’ fi Yunivarsitii Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaan gaggeeffamu marsaan 2ffaa Adaamaatti Eegalchiifame.


Sagantichi godaantota gara magaalaa dhufan galmeessuun ragaa adda baasuu fi indastiriiwwan adda addaa humna namaa hojiif barbaadaniin walitti fiduu akkasumas sheediiwwan qophaa’an fi haala gara biroon hojiitti akka galan hojjataa jedhan Pirezidaantii Ittaanaan Qorannoo ce’umsa teekinoolojii fi tajaajila hawaasaa Yunivarsitii Saayinsii fi Teeknoolojii Adaamaa doktar Alamuu Disaasaa.

Marsaa jalqabaa sagantichaatiin Magaalaa Adaamaatti kallattii taa’een hojiileen jajjaboo raawwatamaniiru kan jedhan doktar Alamuun dhiibbaa hawaas-diinagdee gama kanaan magaalattiirra gahu salphisuun muldhata ‘smart Adama’fis gumaachuun danda’ameera jedhu.

Barreeffamootni godaansa gara magaalotatti taasifamuu fi hojii akkasumas dhiibbaawwan jiranii fi furmaata ta’uu qabuu fi kan biroorratti xiyyeeffatan dhiyaatuun irratti mariyatameera.

Marii eegalchiisa sagantichaarratti hooggantootni yunivrasitichaa,gaggeessiitootni Magaalaa Adaamaa seektarota dhimmi ilaallatuu akkasumas bakka buutotni paarkii Indastirii Adaamaa argamaniiru.

Jamaal Kadiiritu Gabaase.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *