Tajaajilli Waajjirri  lafaa Magaalaa Adaamaarraa argachaa jirru harkifataafi daddeebiin kan itti baay’atudha jechuun tajaajilamtootni tokko tokko komatan.

Waajjirichi gama isaatiin komiin hawaasaa dhugaa ta’uu himuun harkifannaa kenniinsa tajaajilaa furuuf hojimaata mana hojichaa dijitaalessaan jira jedhe.


Sirna bulchiinsa lafaa ammayya’aa ta’e hojii irra oolchuuf sirna kadaasteraa diriirsuun daran murteessaa fi dhimma filannoof hin dhiyaanne dha. 
Waajjirri lafaa maglaa Adaamaa waajjiraalee tajaajilli abbaa dhimmaa itti baaya’atu keessaa tokko yoo ta’u waajjirichi tajaajila si’ataafi dhaqqabamaa kennuuf riifoormiiwwan adda addaa hojiirra oolchaa jiraachuu himus tajaajilamtootni tokko tokko garuu tajaajilli waajjirichaa ammallee harkifataafi daddeebiin kan itti baay’atedha jechuun komatan.

keessattuu jedhu yaada kennitootni kun,mana galmee keessatti faayila dhoksuu fi  abbaa dhimmaa deddeebisuun baay’inaan kan mul’achaa jirudha jedhan.

Itti dabaluunis al-seerummaan mana galmee irratti mul’atu furamuu akka qabuu fi lafa duraan kaartaa qabu irratti kartaa nama biroof kennuun rakkoof nusaaxilaa jiru jedhu.
Rakkoolee kana qaamni dhimmi ilaallatu gadi bu’ee sakatta’uun ariitiidhaan furmaata itti nuuf kennuu qaba jechuun gaafatan

Itti Aanaan itti gaafatamaa waajjira lafaa Magaalaa Adaamaa Obbo Guutamaa Garoo gama isaaniitiin, akka waajjira lafaatti kenna tajaajilaa dhaqabamaa gochuuf hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu himuun,  gama kadastaraa fi kaartaa akkasumas rakkoolee mana galmee irratti darbee darbee mul’atan jiraatus rakkoo kana hiikuuf bulchiinsa magaalaa waliin ta’uun softweera ‘online’ hojjechuu danda’u babal’isuun hojiitti sennee jirra jedhan.

Kana malees maamiltootni mana isaanii taa’anii  kooddii kaartaa isaanii galchuun karaa teelee birriin gibira kaffaluus ta’e tajaajilamuu haala danda’amu irratti hojjechaa jirra jedhan.

Itti dabaluunis obbo Guutamaan komii hawaasa biraa ka’u hambisuuf, humna qabnu duguugnee hojjechuun, hojjettoota al-seerummaa garaa garaa dalaganiii fi abbaa dhimmaa deddeebisan irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu himan.

Xummura irrattis harcaatiiiwwan mul’atan hambisuuf gama tajaajila ammayyeessuutiin akka waajjira lafaatti  hojjettootaaf leenjiin ogummaa cimsu kennamaa jiraachuu dubbatan.

Hawweeraa Fiqaaduutu gabaase

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *