Tajaajiloota Kennaman dijitaalessuuf sochii taasifameen bu’aan hedduun galmaa’uu manni qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa beeksise.

Manni Hojichaa Raawwii hojii hanga ammaa kan bara 2015rratti raadiyoo ABSf ibsa kenneera.


Hojiilee mana qopheessaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatiin bara 2015 keessa hanga ammaatti raawwatamanirratti raadiyoo Adaamaa Biroodkaastiing Sarvisiif ibsa kan kennan hoji gaggeessaa mana qopheesiichaa obboo Mangistuu Nageessooti.

Dhimmoota muldhata’smart Adama’ milkeessan keessaa tajaajila kennamu dijitaalawaa taasisuurratti bara kana hanga ammaatti hojii mishaa raawwanneerra jedhan.

Waraqaa eenyummaa dijitaalawaa jirattotaaf kennuun komii damicharratti kana dura ture hambisuu,manneen mootummaa hojmaata dijitaalawaan qindeesuun sirni bulchiinsaa ammayaa’aa ta’e akka diriiru gochuun kanneen bu’aan irratti galmaa’e keessaa ta’uu kaasan.

To’annoo yeroo hojjattoota mana hojichaa dijitaalessuu akkasumas rakkoolee gama adda addaan muldhatan jiraattotarraa guyyaa guyyaan eeruu fudhachuun deebii kennuuf kan oolu lakkoofsi bilbilaa bilisaa 9141 hojiitti galchuunis hojiilee gama kanaan raaawwatamaniidha jedhu obboo Mangistuu.

Quqlullina magaalaa hawaasa hirmaachise hojiirra oolchuu fi magariisummaa magaalatti kan dabalan biqiloota gosa adda addaa dhaabuunis jalqabbiin gaariin muldhatuu eeran.

Balfa magaalattii keessaa walitti qabamu kompostiitti jijjiiruun kunuunsa biqiloota giddugaloota magariisummaaf oolchuu maddiitti gurguruun madda galii taasisuun wantoota raawwii hanga ammaa keessatti roga gaariin ka’aniidha jedhan.

Milkaa’inoota hanga ammaa galmaa’an fayyadamuun hojiilee hafan yeroo fi quqlullina barbaadamuun raawwachuuf ni hojjatama jechuun dubbatu.

Jamaa Kadiiritu Gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *