Ummatni Oromoo Tokkummaa Ofii Cimsinaan Biyya Bira Darbee Gaanfa Afrikaas Tokkoomsuun Jijjiirama Hundagaleessa Fiduu Danda’a-Hawaasa



Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Kutaa Magaalaa Daabeetti Mata duree ‘’Obbolummaa Sabdaneessummaa Nageenya Waaraa fi Badhaadhina Hundagaleessaaf’’jedhuun mariin Hawaasaa Taasifame.
*************


Qaamoleen hawaasaa adda addaa aanota kutaa magaalattiirraa walitti babbahan maricharratti hirmaataniiru.

Ittigaafatamaan waajjira Daldalaa Magaalaa Adaamaa obboo Xiilloo Dugdaa,Hoji-Raawwachiisaa olaanaan Kutaa Magaalaa Abbaa Gadaa obboo Yimanuu Tashoomaa  akkasumas Itti Gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Kutaa Magaalaa Boolee obboo Wubisheet Galaasoo saganticharratti argamuun mariisisaniiru.

Barreeffamni ka’uumsa marii rakkoolee jijjiiramaan dura ummata oromoo fi hawaasa biyyattiirra akka waliigalatti gahaa ture ibsuu fi kana jijjiiruuf aarsaa kaffalamee akkasumas bu’aalee jijjiiramichaan dhufan rakkoolee mudatan ibsu dhiyaateera.

Ummatni Oromoo tokkummaasaa eeggachuun sabdaneessummaa biyyattiif  gaachana ta’uu qabaa,  rakkoolee bulchiinsa gaarii furamuu qabanis hirmaattotni marichaa kaasaniiru.

Rakkoolee muldhatan furuuf gahee nurraa eeggamu ni bahannas jedhan.

Itti Gaafatamaan Waajjira Daldalaa Magaalaa Adaamaa obboo Xilloo Dugdaa yaadota ka’aniif ibsa kennaniiru.

Badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf ijjannoo tokkoon alseerummaa irratti qabsaa’uun gahee hundaa keenyaa ta’uu qaba jedhan.

Rakkoolee tajaajilarratti muldhatan sirreessuuf kallattii mootummaan taa’e hordofuun murteessaa akka ta’e eeran.

Hoji-Raawwachiisaa Olaanaa Ittaanaan Kutaa Magaalaa Daabee obbo Fayyisaa Badhaadhaa kutaa magaalattiitti jijjiiramoota gama hundaan jiranirratti kan biraa dabaluuf mariin kun galtee nuuf ta’a jedhan.

Jamaal Kadiiritu Gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *