Uummanni Oromoo seenaa kaleessa biyya ijaaruu keessatti qabu har’as garaagarummaa tokko malee tokkummaadhan dhaabbachuun biyya hundaaf taatu ijaaruu itti fufuu qaba jedhame.Raadiyoon adama broadcasting service, gahee tokkummaan oromoo ijaarsa biyyaa keessatti qabu ilaalchisee qaamolee hawaasaa dubbiseera.


Ummanni Oromoo ijaarsa biyyaa bu’uura jabaa qabu, birmadummaa biyyaa kabachiisuu fi mootummaa ammayyaa’aa ijaaruu keessatti gahee leencaa bahachaa tureera.
Har’as naamusaa fi duudhaa sirna gadaa qabuun aadaa, afaani fi tokkummaa sabichaa tiksuu bira darbee obbolummaa sabaa fi sablammootaa ijaaruun tokkummaa biyyaalessummaa fi dimookiraatawaa ta’e tolchuun biyya hunda hammattuu fi hundaaf taatu ijaaraa jira.

Raadiyoon Adaamaa kan dubbise dargaggoonni fi qarreewwan magaalaa Adaamaa, Oromoon ijaarsa biyyaa jalqabe itti fufsiisuu fi tokkummaa isaa itichuuf nageenya qe’ee isaatirratti xiyyeeffachuu qaba jedhan. Seenaa ijaarsa biyyaa keessatti gahee Oromoon qabaachaa ture kan yaadachiise dargaggoo Dabalee Hayiluu, Oromoon Adda hundumatti injifachaa kan tureef iccitii guddaan tokkummaa isaati jechuun, har’as Oromoon ilaalcha siyaasaa, gosaa fi amantiin wal qoqqooduurraa fagaatee Oromummaarratti tokkummaasaa ijaaruun biyya tana ceesisuu qaba jedhan.

Mootummaan araara amma jalqabe itti fufsiisuun nageenyi bu’ee uummanni boqonnaa akka argatu gochuu qaba kan jedhan dargaggoonni kunneen araarri kun akka hin buuneef bineensa baay’etu yuusa, kaayyoo diinaa kana fashaleessuf ammoo hawaasni shoora isarraa eegamu ba’achuu qaba jedhan.

Ijaarsa biyya tanaa keessatti tokkummaan Oromoo murteessadha kan jedhu dargaggoo Abdiisaa Baqqalaa , Oromoon duudhaa sirna Gadaa keessaa qabuun rakkoo isaa hiikkachaa, hariiroo sabaaf sablammoota biroo waliin qabu cimsachuu qabas jedhan.
Kana males oromoon biyya kana keessatti baayinaanis, qabeenyanis saba guddaa waan ta’eef, tokkummaan saba kanaa yoo cime biyyi kun biyya taatee itti fufti jedhan.

Sabni tokkoome humna argata kan jedhan Manguddoon biyyaa fi haadholiin siinqee, akka oromootti tokkoomnee beekaa keenya duukaa hiriirun wallaalaa keenya gorfannee biyya ijaaruu qabna jedhanii, ‘jirbiinuu wal gargaartee arba hiitii’, kana keessatti nutis akka manguddootaa fi haadholii siinqeetti gahee keenya ni bahannas jedhan.
Firaa’ol Doddeetu gabaase.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *