Waajjirii kantibaa Bulchiinsa magaalaa Adaamaa sagantaa galmeessa qabeenya hojjataa mootummaa jalqabsiisee.

Ittii gaafatamaan waajjira kantibaa magaalaa Adaamaa obbo Makuriyaa Dinquu akka jedhanitti kallaatti koomishiiniin naamusaa fi farra malaamaltummaa oromiyaa kaa’e irratti hundaa’uun sagantaa galmeessa qabeenya hojjataa mootummaa jalqabsiisne jedhan.

Kaayyoon isaa hojjataa qabeenya hawaasa hatuun karaa qaxxaamuraatiin duroomuuf yaalu itti gaafatamuumma jala galchuuf yaadameeti jedhan.

Dursaan garee dagaagina naamusaa fi farra malaammaltummaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Geetachoo Barcoo akka jedhanitti hojjataan mootummaa kamuu waggaa lama lamaan qabeenya isaa beeksisuun dirqama akka ta’e seeraan tumamee jira jedhan.

Qabeenya ofii mootummaa beeksisuun akka dhuunfaattis ta’ee guddina biyyaatiif faayidaa qabaachuu kan ibsan obbo Geetachoon keessattuu mancaati qabeenya fi faayidaa hinmalle hanbisuun malaammaltummaa hir’isuu keessatti shoora ol-aanaa qaba jedhan.

Sagaantichi guyyaa 15’f kan itti fufu ta’uu himuun hojjataan mootummaa kamuu qabeenya isaa beeksisuun seeraa mootummaan baase hojjitti jijjiruun dirqama isaa bahuu akka qabu dhaamaniiru.

Namoonni qabeenya isaanii yoo galmeessisan arginee dubbisne tokko tokko akka jedhanitti waan qabnuu mootummaa beeksisuun iftoominni mootummaa birattii dabalee qabeenya keenya ifaa fi bilisaan akka itti tajaajilamnu nu taasisa jedhan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *