Waajjirri aadaafi turizimii Magaalaa Adaamaa haala kabaja Ayyaana Irreechaa irrattii abbootii gadaafi haadholii siinqee waliin mari’ate.

Maricha irratti Abbootiin Gadaa,Haadholiin Siinqee Aanawwan Magaalichaa fi qooda fudhattoonni irratti argamaniiru.

Barreeffama gabaabaa mariif ka’uumsa ta’u kan dhiyeessan Abbaan Adeemsa Hojii Sona Aadaa fi Aartii waajjira aafaafi turizimii magaalaa Adaamaa Obbo Shuumii Butunaa akka ibsanitti sirni gadaa bu’uura sirna dimokiraasii akka ta’e yaadni mormu hin jiru.Ayyaanni irreechaa immoo Oromoo bira darbee Ayyaana Addunyaa ta’eera.Kanaaf ayyaanichi fulbaana 26fi 27 wal duraa duubaan Hora Arsadeefi Finfinneetti akka kabajamu Abbootiin Gadaa ibsuu kaasuudhaan Ayyaanichis Ayyaana Sirna galateeffannaa kan bacaqii gannaa irraa booqaa birraatti nagahaan ce’an Malkaatti bahuun galateeffatamu ta’uu ibsan.


Kanaaf Obbo Shuumiin barreeffamicha dhiyeessaniin akka eeranitti ayyaana irreechaa yeroo kabajanu karaa duudhaafi naamusa Oromummaa eegeen ta’uu akka qabuu,gama birootiin keessummaa Magaalaa keenya keessa darbu karaa duudhaa Oromummaa ibsuun simachuufi keessummoota kanaafis ta’ee qaamolee fayyadamtootaaf agarsiisaafi baazarii calaqqee ummata Oromoo ta’an gama hundaanuu qopheessuun akka kabajamuu qophiin taasifamaa jiraachuu kaasan barreeffamichaan.

Kana malees qulqullinni iddoo sirnichi itti gaggeeffamuus  dursee haala hawwataa ta’een akka qophaa’us koreen hojii kana milkeessu qophaa’uus kaasanii jiran barreeffamichaan.

Itti gaafatamaan waajjira Aadaafi Tuurizimii Bulchiinsa Magaala Adaamaa Obbo Waadoo Abdulkariim Marii haala kabaja ayyaanichaa kanarrattii argamuun akka dubbatanitti irreechi irree ummata  Oromoofi eenyummaa isaa kan ibsu waan ta’eef falaasama duudhaa ummatichaa ibsuun kan faayameedha jedhan.

Irreechi irree Oromooti kan jedhamuuf gaaddisaa fi mallattoo guddaa Oromoo waan ta’eef seenaafi eenyummaa Oromoo kan ibsuudha jedhan.

Irreechi bara kanaa kan kabajamu mata duree, irreecha faajjii tokkummaafi Obbolummaati jedhan.

Irreechi ajandaa siyaasa ykn  biroo akka hin taane diinonni keenya baruu qabu kan jedhan obbo Waadoon Irreechi irree tokkummaatiin kan Oromoon Uumaa isaa itti galateeffatuufi sirna duudhaa  fi eenyyummaa isaa ittiin  ibsuudha jedhan.

Ayyaana kana yeroo kabajnu duudhaafi safuu keenya karaa eegeen waldhagahuun tokkummaan humna walii taanee karaa ergama diinaa maseensuu dandeennuun qindoofnee socho’uu  ayyaanicha kabajachuu qabna jechuunis dhaaman.

Hirmaattonni Marichaa barreeffama dhiyaateef galtee taasifachuun yaada kennaniin akka jedhanitti nuti aadaafi duudhaa kaleessa Akaaakileefi Abaabileen keenya nuuf tiksanii asiin gahan nutis qooda nurraa eeggamu bahuun,aadaafi safuu keenya eegnee ayyaanichi karaa milkii qabuun   kabajamee akka xumuramu ni tumsina jedhan.
Madiinaa Jaarsootu Gabaase

diyarbakır escort

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *