Waajjirri barnootaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa Waajjira Saayinsii fi teekinooloojii Magaalichaafi Itiiyoo-teeleekoom waliin haala itti fayyadama ‘Teelee birrii fi ‘Smart Education’ irratti dura bu’ootaa fi suupparvaayizaroota manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa magaalichaaf leenjii kenne.


Leenjichi maalummaa dijiitaalaayizeshinii, siistamaa odeeffannoo, manaajimeentii barnootaa, akkasumas dijiitaala tiraanzaakishinii irratti kan kennamedha.

Itti Gaaffatamaan Waajjira Barnootaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa Obbo Bariisoo Doorii kaayyoo leenjiichaa ilaalchiisee ‘Smaart Adaamaa’ gama dijiitaalaayizeeshiniitiin hojii irraa oolchuu fi gara teekinooloojiitti fiduuf humni guddaan mannneen barnootaa keessa jiran waan ta’eef adeemsa duraaniin deemuun hin barbaachiisu jedhu.

Ammaa achiif kaffaltiin manneen barnootaaf kaffalamu kamuu teelee birriin ta’a kan jedhan obbo Bariisoon manneen barnootaa teekinooloojichaan deeggaruuf cctv kaameeraa fi ‘wifi’ galchuun, hawaasnis mana isa taa’ee oolmaa barataa isaa to’achuuf gahee guddaa qaba waan ta’eef hawaasni, barsiisaa fi barataan gahee isaanii bahuu qabu jedhan.

Itti gaafatamaan waajjiira saayinsii fi teekinooloojii bulchiinsa magaalaa Adaamaa Injiinar Muktaar Jeeyilaan magaalaan Adaamaa iniisheetiviiwwaan haaraa qabattee hojjachaa jirti .Isuma kana galmaan gahuuf manni barumsaa iddoo daa’imman itti qaramanii boru abdii biyyaa ta’an horachuuf teekinooloojiin murteessaadha jedhan .
Dhaloota teekinooloojiin wal simsiisuuf nutis akka waajjiira saayinsii fi teekinooloojii magaalaa Adaamaatti deeggarsa barbaachiisu hunda gochuuf qophiidha jedhan.

Dura bu’oonni manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa leenjiichi barbaachisaa fi yeroo isaa kan eegatee dha, garuu gama teeleekoomiin deeggarsi barbaachiisaa ta’e hundi nuuf haa taasifamu malee manneen barnootaa keenya keessatti wanta nurraa eegamu hunda raawwachuun karoora qabame galmaan ni geenya jedhu. Leenjichi barataa fi barsiisaa biras gahuu qaba. Kana malees adeemsa kanaan dura hojjachaa turreen jijjiirama barbaadamu fiduun hin danda’amu waan ta’eef teekinooloojiitti fayyadamuun addunyaa waliin deemuun dirqama jechuun yaada isaanii ‘ABS’ tii himan.
Sisaay Isheetuu Gabaase.

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
ti

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *