Waajjirri dargaggoo fi Ispoortii magaalaa Adaaamaa Waldaa deeggartoota kilabii kubbaa miilaa magaalichaa waliin ta’uun ayyaana Iid alfaxrii fi Faasikaa darbe sababeeffachuun harka qalleeyyiif affeerraa laaqqanaa taasise.


Waldaan deeggartootaa kilabii kubbaa miilaa magaaalaa Adaamaa kilabicha deeggaruun alatti hojiilee tajaajila lammummaa irratti bal’inaan ni hirmaachaa jira. Bu’uuruma kanaanis ayyaanota amantaa kiristaanaa fi Islaamaa darban sababeeffachuun harka qalleeyyiif affeerraa laaqqanaa taasiseera.

Sagantaa kana irratti hongantoonni olaanoo magaalaatti argamaniiru.

Pireezidaantiin kilabii kubbaa miilaa magaalaa Adaamaa fi itti gaafatamaan waajjira dargaggoo fi Ispoortii magaalaa Adaamaa Obbo Jammaraa Baqqalaa harka qalleeyyii gandoota magaalattii keessatti argaman keessaa walitti qabuun isaan cina jiraachuu keenya agarsiisuuf ayyaana darbe sababeeffannee affeerraa laaqqanaa taasifneef jedhan.

Gargaarsa akkasii taasisuu irratti dhaabbileen biroo fi hawaasni irratti hirmaachuun namoota harka qalleeyyii naannoo isaaniitti argaman gargaaruun isaan cina dhaabbachuu isaanii itti agarsiisuun jajjabeessuu akka qabanis Obbo Jammaraan ergaa dabarsaniiru.

Pireezidaantiin waldaa dargaggootaa kilabii kubbaa miilaa magaalaa Adaamaa Obbo Moosisaa Laggasaa gama isaaniitiin kilabiin kun kan hawaasichaa ta’uu agarsiisuuf yaadamee sagantaa qophaa’edha, taphoonni Beetkiing priimiyeer liigii Itoophiyaa magaalaa Adaamaatti waan gaggeeffamaa jiruuf guyyaa ayyaanichaatiin dura qopheessuu hin dandeenye, ta’us garuu kaayyoo yaadameef harka qalleeyyii cinaa dhaabbachuu keenya ittiin agarsiisneerra jedhan.

Kanaan dura garaagarummaan waldaa deeggartootaa kilabii magaalaa Adaamaa gidduutti uumamee ture furamuudhaan deeggartoonni tokkummaadhaan kilaba isaanii waliin akka dhaabbatan taasifamee jira, kilabichis siyaasa diinagdee fi aadaa hawaasichaa caalaattii qabatee akka adeemuuf irratti hojjetamaa jira jedhan.

Waldaan deeggartootaa kunis harka qalleeyyii nyaachisuun alatti, mana harka qalleeyyii ijaaruun, bakka oolmaa dargaggootaa fi olguddattootaa mijeessuu keessattii hojiilee bal’aa hojjechaa akka jiranis himan.

Nammoonni affeerraan laaqqanaa isaaniif taasifames waldicha galateeffataniiru.
Boonaa Tasfaayeetu gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *