Waajjirri dhimma hojjetaafi hawaasummaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa wiilcheriiwwan 40 deeggarsaan argaman  qaamaa miidhamtoota 40 ta’aniif dabarsee kenne.

.Itti gaafatamaa waajjira dhimma hojjataa fi hawaasummaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Geetaachoo Xaafaa  qaamaa miidhamtoonni bakka isaan miidhamanii ciisan daandii fi sireerraa kaasun miidhama qaamaa qalbii isaan dhibaman dhukuubsachuun salphaa miti jedhan.

Kana dura namoonni 250 deeggarsa wiilcherii gaafachaa turuu kan himan obbo Geetaachoon sochii akka waajjira isaaniitti taasisaniin dhaabbata Agaappee moobiliitii Itiyoophiyaarraa deeggarsa wiilcheriiwwanii  argachuu himan.

Armaan duras qaamaa miidhamtoota garagaraatiif yeroo adda addaatti wantoota jireenya isaanii fooyyessuu danda’anirratti waajjirichi deeggarsa gochaa turuus himaniiru.

Wiilcheriiwwan 40 deeggarsaan argaman kun birrii mil. 1.4 tti kan shallagamu ta’uu himanii deeggarsi amma taasifamaa jiru kun jalqabbiidha malee xumuraa mitis jedhaniiru.

Itti gaafatamaan waldaa  qaamaa miidhamtoota bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Yaasin Usmaan gama isaanitiin, dhaabbata deeggarsa kana taasise galateenfatanii,qaamaa miidhamtoonni akkuma nama kamuu hojii misoomaa, nageenyaa, barnootaa fi kanneen biroo hojjachuun biyyaa fi ofii isaaniinii jijjiiraa jiru jedhan.

Hundeessituu dhaabbata Agaappee moobiliitii Itiyoophiyaa fi dhaabbaticha bakka bu’uun bakkichatti kan argaman aadde Saabaa T/Maariqoos kaayyoo guddaan dhaabbatichaa qaamaa miidhamaan kamiiyyuu sababa wiilcherii dhabuutiin lafarra ofharkisuu akka hin qabneef hojjachuudha jedhanii, qaamaa miidhamtoonni wiicharicha fudhatan akka miila isaaniitti ilaaluun itti fayyadamuu akka qabanis dhaamaniiru.

Qaamaa miidhamtoonnis deeggarsa isaaniif taasifametti gammaduu himanii, wiichericha argachuu isaanitiin rakkoolee hedduu hobbaafachuu akka danda’an dubbataniiru.

Firaa’ol Doddee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *