Waajjirri galii bulchiinsa magaalaa Adaamaa  sagantaa sosochii gibiraafi taaksii ji’a lamaan darbaniin bu’aan gaarii galmaa’uu beeksise. Galiin dugugguruu diinagdee biyya tokkooti. Pirjaktoonni  misoomaa  kamiyyuu galii irratti  bu’uureffachuun biyyi kamiyyuu galii galchitu irratti akka xiyyeeffannaa kennitu ishee taasisa.

Sagantaa sosochii taaksii waajjirri galii bulchiinsa magaalaa Adaamaa qopheesse kanarratti kantiibaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee dabalatee hoggansi olaanaa magaalaa fi kutaa magaalaa akkasumas qaamoleen dhimmi ilaallatu hirmaataniiru.

Saganticha irratti argamuun  ibsa raawiwii galii ji’a tokkoo hirmaattotaa  kan dhiheessan itti gaafatamaa waajjira galii bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Balaachoo Asaffaa ibsa sosochii taaksiii irratti kennaniin sosochii taaksii akka magaalaatti jiru milkeessuuf kan hojjanne caalaa hojjachuu qabna.

Galii magaalaan ji’oota  2n darbaniin sassaabuuf karoorfatte  qarshii biiliyoona 2.3 keessaa  galii  qarshii biiliyoona 1.5  sassaabuu  danda’uu kan ibsan obbo Balaachoon  kan amma deemnee ol deemuun ariitii barbaachisuun haa sochoonu jedhan.  Karoorri xiqii seektaroota hundaan hojiitti galamuun cimina kan jedhan obbo Balachoon Qindoominni seektaroota bira jiru laafaa ta’uu fi sasssaabbii galii irratti  kaka’uumsa walfakkaatu agarsiisuu dhabuun hinqinaan kaasaniru.

Seektarootaa fi kutaalee magaalaa galiin biratti  harca’e eeruun caalaatti akka hojjataniif dhaamsa dabarsan.

Hirmaattonni sagantaa yaadaa  fi gaafii kaasuun mariin bal’aan gaggeeffameera.
Karoorri hiixataa baafanne galmaan gahuuf humna qabnu hundatti fayyadamuu qabna. Sanadoonni aanaalee haaraa makamanii hatattamaan dhufuu qabuu fi kaadaastarri hojjatame,rakkoolee teelee Birriin walqabtee jiru furamuu, poteenshaala qabnutti galii mana qopheessaa fi idilee irratti fiduuf hojjachuu,hubannoo hawaasa gibiraa dabaluu fi vaatii irratti hojii hojjatamu keessatti siistamni osoo uumamee fi kkf ka’uun irratti mari’atameera.

Saganticha irratti argamuun yaada kan kennan itti gaafatamaa waajjira daldalaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Xiilloo Dugdaa galii Magaalaan bara 2016 sassaabuuf karoorfate qarshii biliyoona 13 galmaan gahuuf seektarri hundi qindoominaan hojjachuu qaba jedhanii galiin magaalaa akka dabaluuf daldaltoota sadarkaa jalqabaa irra jiraniif hubannoo cimsaa daldalaan haaraa gara daldalaatti akka dhufu hojiin guddaan hojjatamaa jira jedhan. Hawaasni daldalaa nagahee muruu akka aadefattu hojjatamaa jira kan jedhan obbo Xiilloon daldala ammayyoome uumuuf teeknoolojiitti fayyadamuun barbaachisaadha. Daldalaan E tireedii  fayyadamuun yeroo isaa akka qusatu dhaamsa dabarsan.

Itti gaafatamaa waajjira  paartii badhaadhinaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Ashannaafii Ajjamaa galii magaalaan karoorfate galmaan gahuuf caasaan sadarkaan jiruu fi hawaasni waliin hojjannaan wanni hin milkoofneef hin jiru. Rakkoo ilaalchaa jiru maqsuun yoo hojjanne fiixa baasuu dandeenya jedhan.

Galiin dhimma waa hundaati kan jedhan obbo Ashannaafiin rakkoo ilaalchaa daldalaa bira jiru hoggansi qaree sirreessuun gara kaffalaa gibiraa amanootti fiduu qabna jedhan.

Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee kallattii hojii kennaniin osoo hin xiiqeffanne karoora xiiqii galmaan gahuu hin dandeenyu jechuun ilaalcha hawaasni galii irratti qabu jijjiiruu fi hubannoo hawaasaa dabaluun karoora xiiqiii galmaan gahuu qabna jedhan.

karoora imala badhaadhinaa fiduu danda’u  sa’aatii 24 n qoqqooddannee hojiitti hiikuu qabna.  Sirna diijitaalaayzeeshinii caalmaatti cimsuu fi iskaan gochuu, akkaataa kaffalaan gibiraa teeknoolojii fayyadamuun kaffaluu danda’u mijeessuu, Sadarkaa hundatti qindoomina keessoo mirkaneessuu fi sirna deeggarsa cimaa uumuu fi waan kennan safaranii fuudhuu fi olaantummaa seeraa mirkaneessuu qabduun kallattii hojii kennan.
Xaahir Gammaduutu gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *