Waajjirri galiiwwanii bulchiinsa magaalaa Adaamaa sosochii karoora addaa galii mootummaa walitti qabuu gaggeesse.

Sosochiin kun yaadama ” bittaan nagaheen ala raawatamu kamiiyyuu fudhatama hin qabu; nagahee gaafachuun mallattoo qaroominaati” jedhuun kan gaggeeffame yoo ta’u, waltajjiin kun caasaa mootummaa sadarkaan jiru hunda kan hirmaachiseedha.

Itti gaafatamaan waajjira galiiwwanii bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Balaachoo Asaffaa barreeffama gabaabaa dhiyeessaniin sadarkaan galii magaalichaa haala yaaddessaa keessa jira jedhan.

keessumaa bara kana galii birrii biil.13 sassaabuuf karoorfanne keessaa hanga ammaatti galii birrii biil 4.339 qofatu sassaabame jedhaniiru. Baatii jaha keessatti galiin gale walakkaa gadi ta’uun isaa yaaddoo guddaa ta’uu kaasaniiru.

Galiin karoorfanne akkaataa barbaadameen akka hin deemneef danqaa ta’eera waan jedhan kan kaasan obbo balaachoon sirna bittaa fi gurgutaa mana magaalaa, konkolaataa, jimaa fi kanneen biroo hordofuurratti hanqinni jiraachuu, vaatiitti sirnaan fayyadamuu dhabuu, haala sassaabbii ashuuraa, dambiiwwan mana qopheessaa galiirratti jiru sirnaan hojiirra oolchuu dhabuu, hanqina sirna too’annoo kafalaa gibiraa fi kanneen biroo kaasuun dhimmoota kanniinirratti xiyyeeffannoon yoo hojjanne qofa karoora keenya milkeessina jedhan.

Barreeffama dhiyaate bu’uura godhachuun hanqinoota fi furmaata waan jedhan kan dubbatan qooddattoonni sagantaa kanaa,
toora maddoota galii magaalichaa ta’an seeraan to’achuu dhabuu fi sirnaan hogganuu dhabuun hanqina uumeera jedhan.

wantoonni kunniin sirnaan qabamnaan hanqinicha hundeerraa furuun madda galii keenya olkaasuun ni danda’ama kan jedhan hirmaattonni kunniin, akka kutaalee magaalaattis ta’ee akka aanaaleetti kana galmaan ga’uuf cimnee hojjanna jedhaniiru.

Gama biraatiin keessumaa waajjirri daldalaa fi waajjirri galiiwwanii xiyyeeffannoon waliin hojjachuun murteessaa ta’uus kaasaniiru.

Dhumarratti yaadota ka’an irratti ibsi bal’aan erga kennamee booda sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hogganaan damee diinagdee obbo Mulaatuu Dhibbaa kallattii hojii itti aanuu kaa’aniiru.

Firaa’ol Doddee

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *