Waajjirri misooma albuudaa Magaalaa Adaamaa hojjattoota waajjirra Albuudaa Magaalaa Finfinneerraa dhufaniif muuxanno hojii qoode.


Waajjirichi akkaataa fi hojii hanga ammaa akka magaalaa Adaamaatti hojjate keessattuu hojii albuuda misoomsuufi sirna ittiin bulchuu irratti akkasumas itti fayyadamiinsa fi tajaajila hojichaa akkaataa hawaasichaaf oolchuu irratti, albuuda guddisuu fi carraa hojii uumuu ilaalchisee muuxannicha qaamolee kanneeniif qoode .

Hojii kanneeninis inisheetiviwwan 5 bu’uureffachuun kan hojjataa turan ta’uu yoo ibsan , qorannoo qabeenya albuuda adda addaa baasuu, fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuufi tajaajila dhaqqabamaa fi hawwataa ta’e kennaa turuun fa’a dhimmoota hojichaaf galltee taasifachuun hojjatan ta’uu barreeffammicha keessatti kaasaniidha.

Itti dabaluun haala kenniinsa hayyama hojichaa itti kennaniifi hojii alseerummaa xiqqeessuuf hojjatames barreeffamichaan kaasanii jiru.

Itti gaafatamaan waajjira albuudaafi eegumsa naannoo Obbo Biiftuu Ifaa Barreeffama gabaabaa hubannoof ta’u qaamolee muuxxannicha qooddachuuf dhufaniif dhiyeessaniin akka jedhanitti hojiiwwan kunneen qindoomina waajiraalee hojii waliin qabnuun kan hojjatamedha jedhanii keessattuu to’annoofi hordoffiin hojichaa immoo karaa teeknooloojiin deeggarameen akkasumas hojicha gamaggamaa deemuudhaan jedhan.

Itti aanaan kantiibaafi qindeessaan kilaastara diinagdee magaalaa Adaamaa Obbo Mulaatuu Dhibbaa sagantaa kanarratti argamuun akka jedhanitti muuxannoo hojii qooddachuu dhuftaniif galatoomaa jedhanii qaamolee kanneeniin , hojii fuuldura waliin hojjannu keessatti karoora waliinii baafannee, poteenshaala hojii adda baasuun walitti hidhamiinsa gabaa uumuun waliin hojjachuu fi hojicha gamaggamaa deemuun waliin akka hojjannuuf walitti dhufeenyi kun nuuf galteedha jedhan .

Qaamoleen muuxannoo hojii qooddatan kunneenis gama isaaniitiin yaada hubannoof dhiyaate dhaggeeffachuun gaaffilee qaban kaasanii keessattuu hojii gama kanaan hojjatame fi itti fayyadamiinsa albuudaafi lafa deebisanii misoomsuu hojjatame qabatamaan arginee gammadneerra, kan irraa barannuudha jedhanii kanaanis hojicha fuunee mana hojii keenyatti hojiirra oolchuufi hojii fuulduraas waliin hojjachuuf qophiidha jedhan.

Xumurarratti qaamoleeen muuxannoo qooddatan kunneen hojiiwwan Adaamatti gama kanaan hojjataman qabatamaan arguun daawwatan .
Madiinaa Jaarsootu Gabaase

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *