Waajjirri Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Adaamaa Barattoota Harka Qalleeyyiif Deeggarsa Meeshaa Barnootaa taasise.

Itti gaafatamaan waajjira paartii badhaadhinaa magaalaa Adaamaa obbo Ashanaafii Ajjamaa akka jedhanitti waajjirichi hojiiwwan fayyadamummaa uummaataa mirkaneessuu danda’an irratti xiyyeeffatee hojjetaa jiraachuu ibsuun haaluma kanaan guyyaa har’aa lammii baratee booru ogummaa horatee biyya jijjiiruu danda’u oomishuuf carraa barnootaa akka argataniif deeggarsa meeshaalee barnootaa taasifne jedhan.

Itti gaafatamtuun ijaarsa paartii badhaadhinaa magaalichaa Aadde Amiinaa Inkush gama isaaniitiin akka magaalaatti tajaajila lammummaa ganna kanaatiin maatii barattoota harka qalleeyyiif deeggarsi garaagaraa bal’inaan taasifamaa turu himuun waajjirichis sochii qulqullina barnootaa mirkaneessuuf taasifamu keessatti hirmaachuun gahee irraa eegamu bahaa jirra jedhan.

Deeggarsa dhaabbata komiishinii gumuruka damee Adaamaa irraa walitti qabameen barattoota 116’f dabtara darzana 116 tokkoo tokkoo isaaniitiif rabsamee jira jedhan.

Maatiin barattootaa deeggaarsi taasifameefis, deeggarsa isaaniif taasifametti  gammaduu isaanii ibsuun qaama deeggarsicha taasiseef galateeffataniiru.

Gabaasni Kan Makkiyaa Muussaati

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *