Waldaan Qaama miidhamtoota magaalaa Adaamaa waanofii waldaalee tola oltotaa waliin ta’uun  ayyaana jala bultii  bara haarawa 2016  marii paanaaliin kabajan.

Guyyaa omishtummaa qaammee 4  kabajamu sababeefachuun bakka Abbootiin Gadaa ,haadholii siinqee ,waldaa miseensota qaama miidhamtootaa , waldaalee tola ooltonni ,hoggansii  fi hojjattoonni magaalaa Adaamaa bakka argamanitti marii paanaaliin kabajanii jiru.

Barreeffama raawwii hojii bara 2015 gama waldaa qaama miidhamtoota dubartootaan hojjatamanii  fi muldhata waldichi qabatee hojjachaa jiru gabaasaan kan dhiyeessan walitti qabduun  Waldaa Qaama miidhamtoota dubartootaa  Magaalaa Adaamaa Aadde Sintaayyoo Siyyum akka jedhanitti miseensoota waldaa qaama miidhamtootaa 650 ol ta’an akka haammate  ibsanii jiru.

Fayyadamummaa miseensota waldaa qaama miidhamtootaa keenya mirkaneessuuf hojiileen gara garaa hojjjatamaa jiraachuu akka ciminaatti ibsuun dhimmoonni haala mijaawaa dhabamuu  kanneen akka geejjibaa , mana jireenyaa, jireenya daandii irraa taasifachuu ,hubannoo leenjii cimsuu argachuurratti ,hanqinni baajataa fi dhimma isaanii raawwachiifachuuf rakkoo itti ta’uu akka rakkootti ibsanii jiru.

Kana malees Waajjiraalee kanneen akka dhimma Dubartootaa fi Daa’imanii, dhimma Hojjataa fi Hawaasummaa,dargaggoo fi Ispoortii,waajjira Kantiibaa waliin ta’anii waldicha guddisuuf hojjatamaa jiraachuu ibsan.

Itti gaafatamaan Waldaa qaama miidhamtoota magaalaa Adaamaa obbo Muhaammad Yaasiin Usmaan akka jedhanitti qaammee 4 guyyaa oomishtummaa jedhuun akka biyyaatti yeroo kabajamaa jirutti qaama midhamtoonni magaalaa keenyaa hirmaannaa gama hundaan taasifamu keessatti qoodni keenya olaanaadha  jechuun haalli mijaawaa yoo nuf uumame  gurmoofnee hojii fakkeenyummaa qabu akkuma nama kamiituu hojjatanii jijjiiramuuf kutannoo fi muldhata guddaa qabna jedhan.

Sagantaa kana irratti argamuun ergaa kan dabarsan  Itti gaafatamtuun Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Aadde Ra’isaa Juneydiin baga jala bultii ayyaana bara haarawaatiin nagaan geessan erga jedhanii booda  Waldaan qaama miidhamtoota magaalaa Adaamaa akka nama kamuu hojjatanii jijjiramuu akka danda’an qabatamaan nutti agarsiisaa jiru kun cimee itti fufuu qaba  jechuun rakkoolee qaban furuufis qaama dhimmi ilaalu waliin taanee hojjachaa jirra jedhan.

Miseensoonni waldaa qaama miidhamtoota magaalaa Adaamaa waan ofii tokko tokko akka jedhanitti  nuti qaamaan miidhamnuus sammuun keenya nagaa waan qabuuf  hojjannee jijjiiramuu akka dandeenyu gochaan agarsiisaa jirra jechuun dhiibbaan qaama miidhamtoota dubartootaa irra akka hin geenyeef waldaan kun sagalee ta’ee hojjachaa jira , dubartoonni mana keessatti hafan biroos carraa akka keenyaa hin  arganne kanatti fayyadamuu qabu jedhan.

Qiindoomina waldaalee tola ooltoota  waan ofiitti Dursituun garee koree misooma hawaasummaa Dhaabbata tola oolaa   COSAP  Adaamaa addee Mahileet Alamaayyoo  ABSf yaada kennaniin akka jedhanitti  Waldaalee adda addaa 9 ol ta’an hojii tola oltummaarratti hojjatan waliin qiindaa’uun gara tokkoti dhufuun waldaa waan ofii jedhuun moggaasuun waldaa qaama miidhamtoota akka magaalaa keenyaatti jiraniif deeggersaa fi leenjii hubannoo gara garaa kennaafii jirra jedhan.

Taayyee Abarraa fi Hawweeraa Fiqaadutuu gabaase

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *