Waldaan qajeelcha maatii Itiyoopiyaa damee giddu-galeessaa gamoo kilinika modeelii Adaamaa  eebbisiise.

Sirna eebbaa kanarratti itti Aantuu Kantiibaa bulchiinsa magaalaa Adaamaa Aadde Hinseenee muhammed dabalatee ,abbooti gadaa,fi keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.

Sirnicha irratti haasaa baniinsaa kan taasisan Ittii Aantuun kantibaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Aadde Hinseenee muhammed akka jedhanitti waldichii sirna walhormaata fayyaa irratti tajaajila hunda galeessa ta’ee  hawaasaaf kennaa jiraachu himuun waldaaleen fayyaa akkasii hojii mootummaan gama fayyaatin hojjetaa jiru deeggaruu keessatti shoora ol-aanaa qabu waan ta’eef deeggaramuu fi  jajjabeeffamuu qabu jedhan.

Itti aantuu walitti qabduu boordii waldaa qajeelcha maatii Itiyoopiyaa damee giddu galeessaa Aadde Alamituu Korboo akka jedhanitti gamoon abba darbii 4 kun  deeggarsa qarshi dhaabbilee tola ooltuummaa biyyaa alaarra argameen   ijaaramuu ibsuun tajaajila fayyaa waldichii kennaa jiru daran babal’isuuf shoora ol-aanaa qaba jedhan.

Miseensa fi qajeelchaa boordi waldaa qajeelcha maatii Itiyoopiyaa damee giddu galeessaa ta’uun tajaajilaa kan jiran prezidaantiin yuniversiitii saayinsiifi teeknolojii Adaamaa Dr Lammii Guutaa akka jedhanitti waldichii fayyaa  dubartootaa,dargaggootaa fi daa’immaani irratti xiyyeefatee hojjetaa jiraachu himuun hawaasni hunduu miseensa ta’ee  beekumsa fi qabeenya qabuun deeggarsa barbaachisu hundaa taasisuu qaba jedhan.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *