Waldorgommiin Shampiyoonaa Aanaalee Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa eegalame.


waldorgommiin kun hoggansi Sadarkaa Magaalaa hanga Aanaaleetti jiran bakka argamanitti kan eegalame yoo ta’u Aanaalee 18 gidduutti gosoota Ispoortii garagaraatiin dorgommiin gaggeeffamaa jira.

Itti gaafatamaan waajjira dargaggoo fi Ispoortii magaalaa Adaamaa Obbo Jammaraa Baqqalaa akka jedhanitti waldorgommiin kun kan dargaggoota magaalattii walitti fiduun tokkoomsuu danda’u akkasumas, dargaggoonni bakka isaaniif hin malle hin oollee fi gama xiinammuun cimoo ta’an horachuuf kan gargaaru ta’uu himan.

Waldorgommiin kun waggoota 10 oliif osoo hin gaggeeffamiin addaan citee akka ture kan himan Obbo Jammaraan, dargaggoonni qabeenyaa egeree waan ta’aniif Aanaaleen isaaniif deeggarsa taasisuun cimanii akka dhaabbatan gochuu qabu jedhan.

Xumura waldorgommii kanaa irrattis taphattoota ciccimoo magaalattii bakka bu’uu danda’an keessaa filachuun piroojektii kilabii magaalichaa keessatti akka haammataman ni taasifamas jedhameera.

Waldorgommii baniinsaa kubbaa miilaa Aanaa daabee Solloqqee fi gaara Luugoo gidduutti gaggeeffames goolii tokko walqixaan xumurameera.

Waldorgommii Shaampiyoonaa magaalaa Adaamaa gaggeeffamaa jiru kan adda taasisu, gosa Maarshaal Aartii irrattis waldorgommiin qophaa’uu isaati.

Leenjisaan ‘World Taekwondo’ Maastar Kiyyaa Buttaa akka dubatutti waldorgommiin maarshaal aartii yeroo ammaa kana akka addunyaatti kan iddoo guddaan kennamuuf akka ta’e hima. Kanaaf kan sababa ta’us jabeenya qaamaa irra darbee naamusa kan barsiisu ta’uu isaati jedha.

Waldorgommiin kunis ammo gama maarshaal Aartiitiin olguddattootaa magaalattii fi biyya bakka bu’uu danda’an horachuuf carraa guddaa kan uumudha jedhe.

Barsiisaan Kaaraatee Seensee Tashoomaa Margaa gama isaatiin waldorgommiin akka magaalattiitti gaggeeffamaa ture addaan cituun isaa olguddattoota heddumminaan akka hin horanneef gufuu akka ta’aa ture himuun, amma ammoo deebi’uun isaa dargaggootaaf curraa guddaa ta’uu dubbata.

Hawaasnii fi maatiin ijoollees bu’aa Ispoortiin guddina biyyaa keessatti qabu hubatee gareewwan Ispoortii keessatti haammachiisuun gama xiinsammuun ciccimmoo akka ta’an deeggaruu akka qaban ergaa dabarseera.
Boonaa Tasfaayeetu gabaase.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *