Waltajjiin Marii Walitti Dhufeenya Hojii Daldalaa Itoophiyaa fi Indiyaa Daran Cimsuurratti Xiyyeeffate Adaamaatti Taa’ame.


Manni Marii daldalaa fi waldaalee sektaraa Adaamaa Imbaasii Indiyaa Finfinneetti argamu waliin ta’uun waltajicha qopheesse.

Muuxannoo gama hojii daldalaatiin Indiyaan qabdu daldaltoota Adaamaaf akka qooddamu taasisuu akkasumas walitti hidhamiinsa daldaltoota gidduutti uumuun xiyyeeffannoo waltajjichaati jedhan Pirezidaantiin Mana Marii Daldalaa fi Waldaalee Seektaraa Adaamaa obboo Bayyanaa Toleeraa.

Ce’umsi beekkumsaa fi teekinoolojii akka argamu gochuuunis kaayyoo marichaa ta’uu eeran.

Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Indiyaa Shiirii Roobart walitti dhufeenyi biyyoota lamaanii bara 1948 sadarkaa Imbaasii banachuun eegale babaldhachuun dam-daneessa ta’eera jedhan.

Gama daldalaatiin immoo caalatti guddachuun bara darbetti sochiin doolaara biliyoona 3.7 Itoophiyaa fi Indiyaa gidduutti taasifamuu kaasan.

Dhaabbilee daldalaa Indiyaa Itoophiyaa keessatti hojjatan garri caalu Oromiyaa keessatti argamu kan jedhan Ambaasaaddar Shiiriin Adaamaan immoo magaalota naannichaa keessa takka ta’uu fi carraalee hedduu qabaachuun mariin kun akka gaggeeffamu tolchuu himan.

Bu’aan gamlamees marichaan booda akka eeggamu dubbatan.

Barressaa olaanaan mana marichaa obboo Hajjii Kataboo gama isaaniitiin sochii mirgaa fi dirqama daldalatootaa kabachiisuu fi mootummaa fi daldalatoota gidduutti riqicha ta’ee tajaajiluu taasifamu maddiitti dhaabbilee daldalaa biyyoota alaa gurguddoo faana haala daldaltootaa fi biyyaaf faayidaa argamsiisuun hojjachaa jirra jedhan.

Ameerikaa,Xaaliyaan akkasumas Iiraan biyyoota hariiroon gamlamee wajjiin uumame keessaa muraasa ta’uu ibsan.

Miseensotni koree boordii mana marichaa fi daldaltootni adda addaa magaalattii akkasumas dhaabbileen invastimantii Indiyaa Adaamaa fi naannoshiitti hojjatan maricharratti argamaniiru.

Sochiin manni marichaa taasisaa jiru nu boonseeraa kanumaan itti fufuu qaba kan jedhan immoo daldaltoota keessaa kanneen dubbifneedha.

Manni Marii Daldalaa fi Waldaalee Seektaraa Adaamaa Waggaa 50ffaa hundeeffamasaa Hagayya 19 bara 2015 hanga Qaammee 5 bara 2015tti baazaarii fi agarsiisa daldalaa dhaabbilee biyya keessaa fi biyyaa alaas hirmaachisuun akka kabaju ragaan mana marichaarraa argame ni muldhisa.

Jamaal Kadiiritu Gabaase.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *