Yunivarsitiin Harraambee fi Inistiitiyuutiin Teekinoolojii Biyya Itaaliitti argamu waliigaltee hojii mallatteessan


Waliigalteen hojii mallattaa’e kun damee fi ogummaarratti barattoota gahuumsa qaban leenjisuun dorgomsiisanii gara biyya Itaalii erguu fi achittis leenjisuu dabalatee barsiiftotaa fi barattootni biyyoota lameenii haala muuxannoo itti waliiqoodanirratti hojjachuuf waliigaltichi xiyyeeffate jedhan abbaan qabeenyaa fi hojigaggeessaa olaanaan Yunivarsitii Harraambee obboo Fayyisaa Araarsaa.

Waliigalticha bu’uureffatuun barattootni kutaa 12 xumuranii leenjii ogummaa yunivarsitichatti kennamu fudhatan barnootarra osoo jiranii biyya Itaaliitti hojiitti galfamu kan jedhan obboo Fayyisaan barattoota keenya madaallii taa’een dorgomsiifnee fayyadamoo carrichaa taasifnaa kaasan.

Piroojaktichi immoo deeggarsa maallaqaa gamtaa Awuraappaan ta’uun yunivarsitiin Harraambee dandeettii humna namaa cimsuu dabalatee misoomaa fi babaldhina hojii yunivarsitichaatiif deeggarsa barbaachisu akka argatu tolchaa himu.

Hojiileen muummeewwan barnootaa yunivarsitichaan raawwatamaa jiran keessuummootaan daawwatameera.

Yunivarsitii Harraambee isa jalqabaa kan jechisiise barnoota onlaayiniif giddugalli yunivarsiticha keessatti gurmaa’e akkasumas laabiraatooriiwwan saayinsii qindaa’an ilaallamuun dinqisiifannaa argataniiru.

Waliigalteen yunivarsitii Harraambee faana mallatteessine sirrii ta’uu fi akka yaadnetti hojiirra ooluu kan danda’u ta’uuf daawwannaan yunivarsitichatti taasifne abdii guddaadha jedhan pirezdaantiin Yunivarsitii Teeknoolojii Naardelloo Villa Detta xaaliyanitti argamuu mistar Jusseppee Guglielmoo.

Pirezidaantiin Yunivarsitii Harraambee doktar Habtaamuu Takkaa yunivarsitiin keenya erga hundaa’ee yeroo gabaabaa ta’us baruu fi barsiisuu qorannoo fi qo’annoon akkasumas tajaajila hawaasaarratti hojii mishaa raawwateen hanga dhaabbilee barnootaa biyyoota biroo wajjiin dameelee adda addaan walitti dhufeenyaan dalagaa jiraa jedhan..

Dhaadannoo yunivarsitichaa ‘Barnoota Quqlullina Qabuun hawaasa ceesisuu’ jedhu qabatamatti hikuuf kalaqa wiirtuu misooma kalqaa qindeessuunis jijjiirama biyyaaf gummaachaa akka jiran eeran.

Hariiroo idil adunyaatiin hojiilee yunivarsitichaa fi biyya ceesisanirratti xiyyeeffachuun tarkaanfachuu itti fufnas jedhan doktar Habtaamuun.

Koreen dhaabbii dhimmoota hawaasummaa mana marii bakka bu’oota ummataa tibba darbe yunivarsitii Harraambee daawwachuun muuxannoon yunivarsitichi gama hedduun qabu akka babaldhatu eeruun ni yadatama.

Jamaal Kadiiritu Gabaase.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *