Yuniyeniin Luumee Adaamaa Omisha  Bara  2016/2017f kan Oolu Xaa’oo Kuntaala Kuma  150 ol Waldaalee Bu’uuraa Biraan  Gahuu  Beeksise.


Yuniyeniin Waldaalee Qonnaan Bultootaa Luumee Adaamaa callaa guddiftuu adda addaa dhiyeessuun kaayyoo ittiin hundaa’e keessaa ijoodha  jedhan Hoji-gaggeessaa Ittaanaan Yuuniyenichaa obboo Kaasaayee Charuu turtii ABS wajjiin taasisaniin.

Dhiyeessii fi raabsa  callaa gudiiftuu kana kan jallisiif ooluu fi qonna gannaaf ta’u jechuunis akka raawwatan ibsan.

Xaa’oo gosa adda addaa kuntaala kuma 90 akkasumas sanyii filatamaa kuntaala 2756   qonna  jallisii bonaa oomishni sassaabamaa jiruuf dhiyaateera  jedhan.

Kunis kan baroota  darbaniin walbira yoo qabamu isa qonna gannaaf dhiyaatuun akka walgitu himan.

Bara omishaa  2014/2015 keessa hanqinni  callaa guddiftuu  mudate akka irra hin deebineef bara 2016/2017f  kan oolu mootummaan dursee biyya keessa seensisuu hordofee yuniyeniin keenya  xaa’oo kuntaala kuma 100 fi kuma 58 waldaalee bu’uuraa bira qaqqabsiiseera jedhan.


Xaa’oon yeroon galuun immoo rakkoo fi hudhaa adeemsa geejjiibsiisuurratti yeroo gannaa mudaturraa baraareera jedhan.

Adeemsa gurgurtaa fi raabsaa xaa’oo hojmaata dijitaalawaan taasisuuf  hojii jalqabameenis hanga ammaatti gurgurtaan xaa’oo qarshii miliyoona 24  sirna kanaan raawwatameera jedhan.

Sirni gurgurtaa dijitaalawaa immoo rakkoo iftoomina dhabuu hojicha keessatti muldhatuu fi qisaasama qabeenyaa gama kanaan ture hambisaa akka jiru kaasan obboo Kaasaayeen.

Jamaal Kadiiritu Gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *