18/8/2017Sirna Buusaa Gonofaa Caalaatti cimsuuf qaamni hunduu tumsuu akka qabu himame.Hooggansi Buusaa Gonofaa Oromiyaa Damee Magaalaa Adaamaa Yaa’iisaa Gaggeesse.
1 min read

18/8/2017Sirna Buusaa Gonofaa Caalaatti cimsuuf qaamni hunduu tumsuu akka qabu himame.Hooggansi Buusaa Gonofaa Oromiyaa Damee Magaalaa Adaamaa Yaa’iisaa Gaggeesse.

Ummanni Oromoo sirna Gadaa keessatti Aadaa inni ittiin wal gargaaru Buusaa Gonofaati.Duudhaan kun egeree ummata Oromoo ijaaruu keessattis ga’ee guddaa qaba jedhan Itti gaafatamaan Buusaa Gonofaa damee bulchiinsa magaalaa Adaamaa Obbo Waadoo Abdulkarim.
Kaayyoon isaa Aadaa walgargaarsaa ummata Oromoo dagaagsuu ta’uu kan himan Obbo Waadoon Buusaan Gonofaa damee Adaamaa bara 2014 hundeeffamee haga ammaatti miseensota miliyoona dhibba 500 ol horachuun buusii miseensummaan qarshiin miliyoona 55 ol walitti qabamuu dubbatan.

Kantiibaa itti aanaan bulchiinsa magaalaa Adaamaa Obbo Nigaatu Mootummaa Buusaan Gonofaa erga hundeeffamee balaawwan tasaa akkasumas barataan mana barnootaa deemuu yaadda’uun hir’achuu himanii duudhaa kana qaamni hunduu Ogummaa qabuun akkasumas maallaqaa fi guumaata taasisuu danda’uun hirmaachuu qaba jedhan.

Hoogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Mohammed Jundaa sirni Buusaa Gonofaa garaagarummaa Sabaa,Gosaa fi Amantaan kan hin qabne nama rakkoon mudate hunda kan deeggaru ta’uu himanii sirna kana caalaatti itti fufsiisuuf qaamni hunduu tumsuu qaba jedhan.
Gabaasni kan Yordaanos Mokonnin

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *