Bulchiinsa magaalaa Adaamaa kutaa magaalaa dambalaa Aanaalee garaagaraa keessatti piroojektoonni bara hojii 2015 keessa ijaaraman eebbifaman.


Piroojektoonni bajata mootummaa, hirmaanna uummataa fi abbootii qabeenyaatiin ijaaramaa turan eebbi isaanii cimee itti fufee jira. Sirna eebba piroojektootaa kanarratti Hoggantoonnii magaalaa Adaamaa,abbootiin gadaa fi abbootiin amantaa, haadholiin siinqee,koreen qindeessituu fi jiraattonni aanaalee hirmaataniiru.

Hoji raawwachiisaan Olaanaa kutaa magaalaa Danabalaa Obbo Daani’eel Alamuu akka jedhanitti akka Kutaa magaalattiitti bara kana proojektoota qarshii miiliyoona 300 fi miiliyoona70 olitti tilmaamaman xumuramanii tajaajilaaf banaa taasifamaniiru jedhan.

Hojiilee piroojektii kana keessattis bajatni mootummaa, abbootii qabeenyaa fi hawaasni irratti hirmaataniiru jedhan.

Piroojektoota 10, Waajjiraalee mootummaa dabalataa, manneen barnootaa bu’uura boruu, mana kitaabaa, Daandii koobilii fi waajjiraaleen dabalataa 26 fi kan biroo ammoo piroojektoota bara kana hojjetaman ta’uu himan Obbo Daani’eel.

Itti aantuun Kantiibaa magaalaa Adaamaa Aadde Hinseenee Muhaammad gama isaaniin piroojiktiilee hojjetaman eegalchiisanii xumuruu keessatti hirmaannaan uummataa fi abbootii qabeenyaa guddaa ture jedhan.

Hojiilee gara fuulduraa hojjetamuuf qophaa’anii jiranitti xiyyeeffannoo kennuun gama qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu, carraa hojii bal’aa uumuu fi barnoota babal’isuu keessatti hundumtuu waliin ta’ee irratti hirmaachuu akka qabu ergaa dabarsaniiru.

Abbootiin qabeenyaa fi hawaasni kutaa magaalattii arginee dubbifne tokko tokkos yaada kennaniin piroojektiilee hojjetaman keessatti qooda qabaachuu isaaniitti gammaduu himanii piroojektiilee kanaaf kunuunsa taasisuun dhaloonni dhufu irraa fayyadamaa akka ta’u ni taasisna jedhan.

Xumura irrattis hoggantootaa fi abbootii qabeenyaa piroojektii kana xumuruu keessatti tumsa taasisaniif kennaan kennameera.

Boonaa Tasfaayee fi Xibabuu Hordofaatu gabaase

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *