Artistoota ofii isaanii wareegamanii duungoo bilisummaa nuuf ibsan yaadachuun dhalootni har’aa mirgaa fi faayidaa saba isaaf of kennee akka hojjetu onnachiisa jedhan af-yaa’iin caffee Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abduramaan. Bulchiinsi magaalaa Adaamaa Siidaa yaadannoo Doktara kabajaa Artist Alii Birraa ijaarsise eebbisiiseera.


Siidaan kun Af-yaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahmaan, Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee fi Haadha warraa Artistii Alii Birraa Aadde Ilillii Birraa fi bakka keessummoonni biroo argamanitti eebbifameera.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee Sagantaa eebba Siidaa yaadannoo Doktara kabajaa Artistii Alii birraa irratti argamuun haasaa taasisaniin seenaa Artistiin gootni Dr. Alii Birraa hojjete yaadachaa dhaloonni amma jiru gootummaa isaa akka galaatti qabachuun Oromoo sadarkaa ol’aanaatti ceesisuuf gahee qabu bahachuu akka qabu dhaamanii qaamolee milkaa’ina ijaarsa siidaa kanaaf gumaachan hunda galateeffataniiru.

Hoggaanan biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisoo Doktara kabajaa Artistii Alii birraa bara jireenya dabarsan keessatti seenaa, duudhaa,aadaa fi artii oromoo nama sadarkaa addunyaatti beeksisedha jedhan.

Yeroo ammaa biroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa seenaa Aliin Birraa weelluu isaatiin dhalootaaf ka’an Itti fufsiisuuf artii Oromoo kallatti hundaan tumsaa jiraachuu kaasaniiru.

Miseensa mana maree bakka bu’oota uummaataa fi barreessaa kan ta’an Dr.kabajaa Mahaammad Qophee sirnicha irratti argamuun ergaa dabarsaniin Aliin Birraa nama artiif dhalate, artiif jiraate, artiif lubbuun isaa darbedha jedhan.
Abbaa bilisummaa uummaata Oromoo kan ta’e Dr kabajaa Artistii Alii Birraa sirba isaaniitiin sadarkaa addunyaatti nu beeksise waan ta’eef galata guddaatu isaaf mala jedhan .

Sagantaa eebba Siidaa Doktara kabajaa Artistii Alii Birraa kana irratti kan argaman haadha warraa Dr.kabajaa Artistii Alii Birraa Addee lillii Birraa Baga guyyaa seenaa qabeessa kana geessan jedhanii qamoolee ijaarsa Siidaa Doktara kabajaa Artistii Alii Birraa keessatti hirmannaa taasisan hundaa galatatu isiniif mala jedhan .
Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abduramaan erga dabarsaniin Doktarri Kabajaa Artistii Alii Birraa jibba keessa jaalalli, gadda keessa gammachuun, lola keessa injifannoon, garaagarummaa keessa tokkummaan akka jiruu fi aartiin walabummaa akka fidu weelluu isaa keessatti lallabuun ifa Oromootaaf labsee darbeera jedhan .
Kaayyoo Alii fi qabsaa’ota ofii darbanii bilisummaa har’aa nuun gahan galmaan gahuun imaammataa fi tarsimoo mootummmaa keessatti galtee ta’ee ce’umsa biyya keenyaa kan ittiin mirkaneessan ta’uu dhaamaniiru.

Dinqisiifattootnii fi Jaallatoonni Dr kabajaa Artistii Alii Birraa raadiyoon ABS haasofsise tokko tokko artistii gameessa qabsaa’aa mirga dhala namaa Doktara kabajaa artistii Alii Birraaf siidaan yaadannoo dhaabachuutti guddaa kan gammadan ta’uu ibsuun,fuula duratti tokkummaa keenya cimsuun hojii Artii deeggaruu qabna jedhan.

Gabaasni kan Tashoomaa Urgiiti.

Odeeffannoo wayitaawaaf fuula miidiyaa hawaasa ABS fayyadamaa

Youtube_https://www.youtube.com/@adamabroadcastingservice
Telegram_ https://https://t.me/ABS_utubduujijjiiramaa
website:http://www.abs.gov.et
tiwiiteri:- http://www.twitter.com/ABSAdama
SMS_9635

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *