Kubbaaniyootni EZM fi RIIFO Omisha Ujummoowwanii Paarkii Indastirii Adaamaatti Hojii Eegalan.

Dhaabbileen EZM biyya keessaa fi RIIFO biyyaa alarraa waliin ta’uun ujummoowwan tajaajila ijaarsaaf oolan oomishan paarkii indastirii Adaamaatti sheedii warshaa kan fudhatan yoo ta’u eebbifamuunis hojii eegalaniiru.

Warshichi gosoota ujummoo ‘PPr’ fi ‘PVC’ omishuuf kaappitaala doolaara miliyoona 14.5niin hojii kan eegale yoo ta’u omisha alaa galu bakka buusuu akkasumas biyyoota alaaf (keessattuu biyyoota baha Afrikaatti) erguun galii ni argamsiisa jedhan hoogganaan dhaabbata RIIFO obboo Habtaamuu Daargee.

Humna guutuun yeroo oomishu namoota 600f carraa hojii akka uumu ibsan.

Hoji-gaggeessaa olaanaa Paarkiiwwan Indastirii Itoophiyaa obboo Akliluu Taddasaa,Hoogganaa Biiroo Invastimantii fi Indastirii Oromiyaa obboo Ahimad Idiriis akkasumas Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obboo Hayiluu Jaldee argamuun warshicha eebbisani

Hoji-gaggeessaan Paarkii indastirii Adaamaa obboo Gullilaat Abbabaa waggoota afran dabranitti invastroota 13 paarkichatti simataman keessaa torba hojii eegalaniiru jedhan.

Namoota 8000f hojii uumuu akkasumas sharafa biyyaa alaa doolaara miliyoona 50 argamsiifamuu eeran.

Kana malees meeshaalee alaa galan kan paarkichatti oomishamaniin bakka buusuun doolaara biliyoona 1.5 hambisuun akka danda’ame eeran.

Kantibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obboo Hayiluu Jaldee Adaamaa giddugala indastirii taasisuuf muldhata haaraa qabachuun hojiitti gallera jedhan.

Kanumas dhugoomsuuf tajaajila si’ataa dhaqqabamaa fi ammayyaa’aa kennuun lakkoofsi invastimantii magaalattiitti akka dabalu gochuun bu’uura kaa’aa jirra jedhu.

Bara kana gosoota invastimantii adda addaa kuma 30 simachuu akkasumas dandeettiin oomishuu warshaalee dhibbeentaa 70rra akka gahuuf mootummaan xiyyeeffannoon hojjachaa jira kan jedhan immoo hoogganaa biiroo Invastimantii fi Indastirii Oromiyaa obboo Ahimad Idiriis.

Hoji-Gaggeessaa Olaanaan Paarkota Indastirii Itoophiyaa obboo Akliluu Taddasaa biyyattiin qabeenya qabdurraa baasuun Paarkota indastirii 13 sadarkaasaanii eeggatan ijaarsisuun hojiitti galchiteerti jedhan.

Kanumaanis waggoota Sadan darbanitti doolaara biliyoona 1.1 alergiirraa argamuu omisha biyyaa alaa bakka buusuun immoo doolaarri miliyoona 550 silaa bahii ta’u hambifameera jechuun dubbatan.

Jamaal Kadiiritu Gabaase.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *